ልጥፎች

ከፌብሩዋሪ, 2018 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Ibsa Ijjannoo Koree Giddugaleessaa Dhaabbata Dimokiraatawa Ummata Oromoorraa kanname.

ምስል
Koree Giddu Galeessa Dh.D.U.O jalqabbii imala haaroomsa jijjiiramaafii kallattii heegareerratti mariifii qorannoo bal’aa guyyoota kurnan darbaniif gaggeessaa ture Amajjii 29 Bara 2010 milkaawinaan xumuree jira. Dhaabni keenyaa aadaa ummata dhaggeeffachuun hanqinoota mudataniifii akka sirratan akeekaman fudhachuun sirreessaa deemuun beekkama. Imala jijjiiramaan haaromuu A.D.W.U.I gaggeesseefii kallattii kaawe bu’uura godhachuudhaan toora biyyattiin gama siyaasa,diinagdeefi hawaasummaatiin irra jirtu gadi fageenyaan qorachuudhaan kallattii kaa’ee jira.   Dh.D.U.O   nageenyiifii wajji jireenyi ummatoota biyya Ø keenyaa karaa kamiinuu akka hin gufanneefii duudhaan Jaalalaaf wajjini jireenyaafi nageenya labsuu ummata Oromoofi Dhaaba Naannoo keenya hoogganaa jiruu karaa milkaawina qabuun akka itti fufu, gufuuwwan duudhaa kana gufachiisuu malan kamuu akka sirratan hoojjachuun dhimma murteessaa tahuu isaa xiyyeeffannoo addaan mari’atee jira. Ø Aaadaan dimokiraasummaafii ummatumma