ልጥፎች

ከጁን, 2020 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Gadaantummaan dhukkuba hamaadha!

ምስል
Yoo yaada moo’ataadhaan nama moo’achuu dadhabu arrabsoo roobsuudhaan injifachuuf yaaluun amala nama ilaalcha gadaantummaa suukaneessaa keessa jiruurti.Namni ilaalcha gadaantummaa qabu kaan moo’achuuf arrabsootti fiiga.Arrabsoodhaan moo’icha goonfachuun waan danda’amu itti fakkaateet dhama’aa oola.Nama gadi qiccee tuffiidhaan arrabsaa ooluun maal fida?”Maal haabaasuuf dhama raasu?” Waa’ee ilaalcha gadaantummaafi miidhaa inni qabu kaasuu kanan barbaade sababa malee miti.Obboleessa keenya Weellisaa Haabtaamuu Lamuu gorsuu barbaadeeni.Weellisaa Haabtaamuu Lamuu amma biyya Kaanaadaa bulchiinsa tokko keessa jiraata.Kana isumatu dubbate.”Qaanqee show” jechuun waan inni hojjechaa jiru daawwadheen yaada kana barreessuuf kaka’e. Haabtaamuun “Qaanqee show” jedhee hojjechuunsaa cubbuu hin qabu,waan gaarii godhe.Show kana irratti summii arrabsoo facaasuu dhiisee waan gaarii sabni irraa fayyadamu utuu hojjetee garuu galata daangaa hin qabne argata. Obboleessi keenya weellisaa Haabtaamuu Lam...