Gadaantummaan dhukkuba hamaadha!


Yoo yaada moo’ataadhaan nama moo’achuu dadhabu arrabsoo roobsuudhaan injifachuuf yaaluun amala nama ilaalcha gadaantummaa suukaneessaa keessa jiruurti.Namni ilaalcha gadaantummaa qabu kaan moo’achuuf arrabsootti fiiga.Arrabsoodhaan moo’icha goonfachuun waan danda’amu itti fakkaateet dhama’aa oola.Nama gadi qiccee tuffiidhaan arrabsaa ooluun maal fida?”Maal haabaasuuf dhama raasu?”
Waa’ee ilaalcha gadaantummaafi miidhaa inni qabu kaasuu kanan barbaade sababa malee miti.Obboleessa keenya Weellisaa Haabtaamuu Lamuu gorsuu barbaadeeni.Weellisaa Haabtaamuu Lamuu amma biyya Kaanaadaa bulchiinsa tokko keessa jiraata.Kana isumatu dubbate.”Qaanqee show” jechuun waan inni hojjechaa jiru daawwadheen yaada kana barreessuuf kaka’e.
Haabtaamuun “Qaanqee show” jedhee hojjechuunsaa cubbuu hin qabu,waan gaarii godhe.Show kana irratti summii arrabsoo facaasuu dhiisee waan gaarii sabni irraa fayyadamu utuu hojjetee garuu galata daangaa hin qabne argata.
Obboleessi keenya weellisaa Haabtaamuu Lamuu rakkoo ilaalcha gadaantummaa cimaa keessa waan jiruuf  nama arrabsaa oola.Miidiyaan OBN dookomantarii “Godaannisa” jedhu hojjete jechuun dhaaba ofii deeggaru lelisaa,hooggansa jijjiiramaa arrabsaa ooluun saba Oromootiif bu’aan argamsiisu maal akka ta’e kan beeku Weellisaa Habtaamuu Lamuu qofadha.
Anaa nyaatu obboleessakoo!baay’ee miidhamte.Muummicha ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad,Shimallis Abdiisaafi Addisuu Araggaa arrabsaa waan oolteef Saba Oromootiif qabsaa’aa waan jirtu sitti fakkaatee ilaalcha gadaantummaatiin dararamaa jirta.Garuummoo lakkoofsa daawwataa Qaanqee Show’tiin Youtube irraa galii argatta.Mahaallaqni arrabsoodhaan argattee nyaattu siif hin sifaa’u,kana bari!

Yoo dandeesse saba keessaa baateef waan tolu hojjechuuf yaali.Qondaaltota mootummaafi namoota dhuunfaa arrabsuun Oromoodhaaf qabsaa’uu akka hin taane hubadhu.Ilaalcha gadaantummaa keessaa of baasuudhaan bilisa ta’uun jiraadhu.Biyya ormaa keessa dhokattee nama arrabsuudhaan jijjiirmni Oromoodhaaf  fiddu tokkollee akka hin jirre sihubashiisuun barbaade.Adaraa Obboleessakoo weellisaa Haabtaamuu Lamuu waan xixiqqoo kana keessaa ba’i! Oromoon guddaadha,waan guddaa yaadee hojjechaa jira.Maal ati hamma yoomiitti ilaalchi gadaantummaa sitti roorrisaa?
Gaadaantummaan dhukkuba hamaadha.Dhukkuba hamaa si dararaa jiru kana keessaa yeroo gabaabaa keessatti ba’uudhaan Oromoo hundaaf waan gaarii hojjechuu akka eegaltu abdii guddaan qaba. Obboleessakoo fayyaa ta’i! Biyya ormaa keessa nagaadhaan jiraadhu.Biyya keessa jiraattu kana keessa dhokattee nama arrabsuun gatii hin qabu.Fayyaa ta’i!Vaayirasii Koronaa irraa of eegi.Obboleessakee Tolawaaq Waarii Finfinnee irraa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa