Lafa Keenya Nujalaa Gurgurachuufi?

 


Wayyaaneen bara taayitaa isheetti Ummata Oromoo irratti shira lakkaa’amee hindhumne akka raawwatte nibeekama.Keessumattuu ummanni naannawa jiraaturra akka hinturre taasifamaa ture.Kunis maqaa hojii Investimantiitiin raawwatamaa ture.Lafa qonnaan bultootaa kaaree meetira tokko birrii saditti gurguranii maallaqa beenyaa muraasa qonnaan bulaaf kennaniin iddoo jireenyaa irraa akka buqqa’u taasisuun hawasni jireenya hiyyummaatiif akka saaxilamuuf shirri lakkaa’amee hindhume raawwatamaa tureera.

Shirri caasaan bulchiinsa Wayyaanee ummata Oromoo irratti raawwachaa ture kun itti fufuu hinqabu!amantaa jedhu irraa ka’uudhaan qabsoon ummata bal’aafi caasaa ADWUI keessatti jalqabame finiinuudhaan sirni ADWUI/ABUT taayitaa irraa akka fonqolfamu taasifame.

Mootummaan jijjiiramaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahamdiin hoogganamu taayitaa biyya bulchuu fudhachuudhaan hooggansi jijjiiramaa biyya gudditti Itiyoophiyaa bulchuu jalqabe.Battala kanatti Oromoon abbaa biyyaa ta’e,mirga abbaa biyyummaa goonfate jedhame.’Oromoon taayitaa waggoota hedduuf akka guddummaa isaatti isaaf malu argateera’jedhamee himamuun miraafi yaada gaariidhaan kaka’uumsa ol’aanaadhaan hooggansa jijjiiramaatiif deeggaarsi taasifamu finiinee itti fufe.

Humnoonni kana balaaleeffatan ammoo battalumatti uumaman.’Mootummaan kun sirna durii nutti deebisuuf jira,Ahaadaawii’ jedhanii ololan.’Maseeraa Mootummaa keessatti suuraan mootiiwwan kanaan duraa miidhagfamee siidaadhaan bocamee akka taa’u kanaaf taasifame.Mootummaan kun waa malee mootiiwwan kanaan duraa atsee Minilikiifi atsee Hayilasillaasee hinlelisu ture’jedhamee akka malee ololame.

Ololli kun akka fashalaa’uuf ammoo wanti jijjiirame ummata bal’aadhaan akka daawwatamu taasifame.Hawaasni waan Paarkii tokkummaa keessatti hojjetame ijaan argee jaje.Daangaa hanga daangaatti akkasumas biyya alaa irraa Itti deddeebi’ee daawwachuudhaan dhugaa qabatamaan jiru hubate.Dhuguma Oromoon mirga abbaa biyyummaa argateera jedhamuun himame.

Kanaanis olollii humnoota faallaa deemanii bishaan dhugee hafe.Mootummaan jijjiiramaa hawaasaan akka jibbamuuf carraaqqiin humnoonni faallaa deeman taasisan jalaa fashalaa’uun hawaasni dhugaa qabatamaan jiru hubachuu danda’e.

Humnoonni keessaafi alaa mootummaa jijjiiramaa balaaleeffatan ammas adabatanii hinteenye.Tooftaa adda addaatiin socho’uudhaan hawaasni cunqursaa abbootii irree jalaa  ifaajii ol’aanaadhaan ba’e gara jireenya cunqursaafi gadadootti akka deebi’uuf kutannoodhaan hojjechaa jiru.Hojiin gama mootummaatiin shira kana qolachuuf hojjetamu ammoo gahaadha jechuun hindanda’amu,inumaatuu dadhabaadha jechuun nidanda’ama.Hawaasni olola diinaa amanee akka fudhatu taasifameera.Rakkoon erga uumamee booda duulaan hawaasa hubachiisuuf sochiin taasifamu mootummaa irratti dadhabbii dabaluudhaan ala gatii hinqabu.

Diinni ajandaa uumuudhaan hawaasa keessa yoo facaasu callisanii ilaaluun,hawaasni irraa hinfudhatu jechuun dhiisuun ummanni jireenya tasgabbaa’aa akka hinjiraanneef haala mijaawaa waan uume fakkaata.Dhimma kana irratti wantoota hedduu kaasuudhaan himuun kan danda’amu yoo ta’ellee muraasumaan waan tibbana ta’aa jiru tokko kaasuudhaan haailaallu.

Shakkiin Bulchiinsa Magaalaa Shaggar irratti akka uumamu taasifame dhimmoota tibbanaa keessaa waan ijoo ta’uudhaan ka’uu kan danda’udha.Humni diinaa dhimma kana ajandaa taasifachuun itti fayyadamuun hojjechaa jira.Kanaanis hawaasaan ‘qabeenyi lafaa qabdu sijalaa gurguramuuf jira,tajaajila bulchiinsaa fageenya deemtee akka argattu taasifamaa jira,maalif teessa?ka’i falmadhu malee!’jechuudhaan hawaasni shakkii keessa akka galu taasisaa jira.Hawaasni shakkiidhaan mamiidhaaf saaxilames iddoo tokko tokkotti mootummuma ofiif filate shakkuudhaan hundeeffama bulchiinsa magaalaa Shaggar irratti sagalee mormii dhageessisaa jira.

Hawaasni waan ifa hintaaneef irratti dhimma faayidaakoo tuquu danda’a jedhee yaadu irratti sagaleesaa dhageessisuun mirgadha.Rakkoo hinqabu.Wanti hojjetamus kan ummanni bal’aan itti amane taasifamuu qaba.Itti amanuu qofa utuu hintaane abbuummaadhaan itti hirmaatee hojjechuu qaba.Hawaasni waan isaaf hojjetamu qarqara dhaabbatee ilaaluu hindanda’u.

Sababoota mormii hawaasaa muraasumaan kaafnee haa’ilaallu.Kan duraa ‘lafa keenya nulajaa gurgurachuufi?’jedha.Ummanni haala kanaan maalif shakkuuf dirqame jechuun dhimmicha xiinxaluun barbaachisaadha.Akkan gubbaatti isinitti himetti sirni ADWUI/ABUT yeroo taayitaa isaatti qabeenya lafaa wajjin gochi ummata irratti hojjete godaannisa yoomiyyuu fayyuu hindandeenye uumee darbeera.Kan Finfinneefi naannawa Finfinneetti raawwatame qofa akka ragaatti kaasuudhaan ilaaluun nidanda’ama.Lafti manneen jireenyaa irratti ijaaramuu danda’u jiddu gala magaalaa Finfinnee keessa guutee utuu jiruu fageenyatti qonnaan bultoota iddoo jireenyaa irraa beenyaa maallaqa xiqqaatiin buqqisuudhaan yakki raawwatame hawaasni ammas akka shakkuuf mamii keessa akka galu taasisuunsaa waan hinoolledha.Kana maddiitti ammoo afarsaan humna faallaa kanuma beekamudha.Qaawwi argamnaan olola barame itti laaquudhaan wanti hojjetamu shoora guddaa qaba.

Mootummaan akkuma kanaan dura barame hawaasa qonnaan bulaa gowwoomsuudhaan burjaajessuun qabeenya lafaa jalaa gurgura jechuun yaaduun amanuudhaanis fudhachuun sirrii hinta’u.Tarii kan raawwatamu yoo ta’es akkuma kanaan duraa qabsaa’uudhaan ofirraa qolachuun waan danda’amu akka ta’e hawaasa muuxannoo qabsoo bara dheeraa qabu jalaa waan dhokatu miti.

Sababiin lammaffaan ‘Tajaajila bulchiinsaa hanga kiloo meetira dhibba lamaa deemnee akka argannu taasifamuufi’kan jedhudha.Sababiin hawaasni gama kanaan kaasaa jirus irra keessa yoo ilaalamu dhugaadha.Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasni tajaajila bulchiinsaa dhiyeenyatti akka argatu gama taasisuutiin mootummaa shakkamuu danda’u miti.Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoota 30 dura yoo hundeeffamu lakkoofsi godinaalee Oromiyaa 12 qofaa ture.Yeroo ammaa lakkoofsi godinaalee Oromiyaa dabalaa deemuudhaan 20 irra akka ga’e nibeekama.Kanaaf mormiin gama kanaan hawaasni kaasu fala waaraa akka argatu taasisuun waan mootummaatti ulfaatu miti.Mootummaan hawaasni kiloo meetira dhibba lama imalee tajaajila bulchiinsaa akka argatu taasisus amma hinjiru.Waan hinfakkaanne hawaasatti facaasuudhaan hawaasni akka burjaaja’u taasisuun sirrii miti.Kana dura dhaabbachuudhaan hawaasni dhugaa jiru akka hubatu taasisuun barbaachisaadha.Humnoonni itti yaadanii bu’aa siyaasaa argachuuf socho’aa jiran akka adabataniif olola isaanii fashaleessuun dhimma murteessaadha.

Dhimma Bulchiinsa Magaalaa Shaggar ilaalchisee gama kootiin akka nama dhuunfaatti caaseffamni kun nibarbaachisa amantaa jedhun qaba.Hawaasni Oromoo Magaalaa guddiittii Oromiyaafi Magaalaa guddittii mootummaa Federaalaa akkasumas teessoo dhaabbilee ardii Afrikaafi idil addunyaa diinangdee ol’aanaa maddisiisaa ooltuirraa fayyadamuu hindandeenye.Hawaasni Finfinnee jala taa’ee diinagdee Finfinnee irraa fayyadamuu hindandeenye kun maalif kun ta’e jechuun gaafachuu danda’uu qaba!

Hawaasni naannawa Magaalaa Finfinnee jiraatu qabeenya lafaa qabu irratti omishawwan adda addaa omishee gabaa Finfinneetiif dhiyeeffachuudhaan fayyadamuu danda’uu qaba.Tajaajila dhiyeessii bishaan dhugaatiifi elektiriikaa guutuu ta’e argachuu qaba.Kun ammoo qaama hordofee qindeessuun ala waan hojiirra ooluu danda’u miti.Kanaaf Bulchiinsi Magaalaa Shaggar rakkoolee bu’uura gadi faggeeffatanii turaniif gama fala waaraa argamsiisuutiin caasaa barbaachisudha.Isa kana mamii malee dubbachuun nidanda’ama.

Rakkoon adeemsaa akka jiru garuu himuun barbaachisaadha.Waan hunda barmaata jiruun deemuun waan danda’amu miti.Kanaan dura adeemsa barameen caaseffama dura diriirsuudhaa,hoogganaan biiroo ykn. koomishiinii tokko hojii erga jalqabee baatiiwwan hedduu booda yeroo yaa’iin Caffee Oromiyaa adeemsifamutti dhimmicha seera qabeessa taasisuuf yaa’iif dhiyaatee akka ragga’u taasifamaa ture.Ammas haala barame kanaan deemuun waan filatameef qaawwi waan uumame fakkaata.

Hawaasni dhimma faayidaasaa wajjin walqabatee dhugaan qabatamaan jiru yerootti itti himamnaan faayidaasaa mormuu hindanda’u.Humna faayidaansaa akka gufatuuf socho’uufis ballbala hinbanu.Kanaaf qaamni dhimmi ilaallatu hundi hawaasni burjaajeessitoota irraa akka baraaramuuf hojjechuu qaba!

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman