Leenjii Muummichaan kenname…..

 



Muummichi Miistiraa Dr.Abiy Ahmad miseensoota koree jiddu galeessa paartii Badhaadhinaatiif leenjii haala siyaasaa irratti xiyyeeffate kennaniiru.Leenjichi haala siyaasaa biyyaalessaafi idil addunyaa bal’inaan kan balballoomseefi akkaataa hundumtuu hubachuu danda’uun kan kennamedha.Demokraasiin mirgaafi dirqama kan kennu akka ta’e leenjiin kun mul’iseera.Garuu haala mul’achaa jiruun demookraasii qofatti dhimma ba’uudhaan dirqama dagachuun rakkoo uumaa jira.

Gama kanaan hanqinni jiru maal akka ta’e kan iftoomaan ittiin himamedha.Waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojiiwwan gurguddoon hooggansa Badhaadhinaatiin hojjetaman kan tarreeffamanii ittiin dhiyaatanidha.

Keessumattuu Boodrdii filannoo biyyaalessaa lammata caasessuu irraa eegalee ijaarsa dhaabbilee irratti milkaa’ina argameefi bu’aa qabatamaa galmeessisuun kan danda’ame bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuudhaan akka ta’e muummichi Ministiraa Dr.Abiy Ahmad leenjii miseensoota koree jiddu galeessa paartichaatiif kennan kana irratti himaniiru.

Itti fayyadama jechaa irraa eegalee wanti baay’een akka jijiirame leenjii kenname kanaan hubatameera.Bara sirna ADWUI/TPLF wanti hundumtuu farraan kan guutame ture.’Farra-Demookraasii,farra-misoomaa,farra-nagaa….’jedhamaa akka ture niyaadatama.

Haala kanaan dura keessa dabarre wajjin yoo walbiraqabamee ilaalamu jecha itti fayyadamnu irraa eegalee sirreeffamni taasifamuu,farra misoomaa,farri demokraasiifi kanneen fakkaatan gabaa siyaasaa,daldala siyaasaa,Finxaaleeyyiifi kanneen fakkaataniin bakka buufamaniiru.

Jijjiramni biraa qabatamaan mul’ate qabiyyeen leenjichaa hunda bira akka ga’uuf murteeffamee hojiirra kan oolfame ta’uusaati.Kanaan dura kun hinturre.Leenjiin hooggansa ol’aanaadhaaf yeroo adda addaatti kennamu achumatti hooggansa biratti ukkaamfamee hafa malee haalli kallattiidhaan miseensoota bira ittiin ga’uyyuu hinturre.Haala qabatamaa amma jiruun adeemsi kanaan dura tureefi barame akka hafu taasisiidhaan qabiyyeefi ergaan leenjii keessaa miidiyaatti fayyadamuudhaan qaamolee hawaasaa kanneen biroo biras akka ga’u taasifamuun itoomina uumuuf gargaara,humnas dabalaa kan deemudha.

Tarkaanfiin kun gareewwan adda addaas ta’e lammii adeemsaafi kaayyoo Badhaadhinaa hubachuu barbaaduuf haala mijaa’aa uumuu kan danda’udha. ’Political Market place’Gabaa siyaasaa,daldala siyaasaafi jechoonni kanneen biroon haarawaan haala qabatamaa siyaasa idil addunyaa wajjin walqabatanii dhufan dhimmoota biyya keenyaa wajjin yoo walira qabamanii ilaalaman maal jechuu akka ta’e xiinxaluudhaan hubachuuf haala mijaawaa kan uumudha.

Amma gaaffiin murteessaan hooggansi,miseensiifi lammiin biyyaa hundi qabiyyee leenjii kanaa irraa waan argateefi hubate qabatamaan hojiirra oolchuudhaan fayyadamtummaa ummata bal’aa akkamitti mirkaneessaadha.Leenjiin kenname jijjiirama barbaadamu akka argamsiisuuf hundumtuu shoora gamasaa gumaachuun dirqama lammummaa ba’uutu irraa eegama.

Wanti qaanessaafi nama gaddisiisu garuu Badhaadhinni yaadamaan sooressa ta’us miseensonni inni horate kan miliyoonaan lakkaa’aman irra jiraan haala mijaawaa teeknooloojiin uumeefitti fayyadamuudhaan diina keessafi alaa akka barbaadetti bookkisaa oolu qolachuuf kan oonnatan miti.Maal nadhibeefi sodaadhaan kan haguugaman,maqaa miseensummaa qabachuun qofa kanneen jiraatanidha.Kanneen carraaqqii taasisan qubaan kan lakkaa’amanidha.Gama kanaan maalif durfamne jechuudhaan ilaaluun barbaachisaadha.Yaada kana onnachuudhaan yoon kennu ati eenyu?jechuun kan mufatan akka jiran nanbeeka.Garuu dhugaan hime.

Haala mijaawaa teeknooloojiin uumetti fayyadamuudhaan kaayyoo ofii milkeeffachuuf carraaquun dirqamadha!Kanaan ala ta’uun waan danda’u miti.Kanneen miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuudhaan shoora gamasaanii gumaachuuf carraaqaniif moggaasa adda addaa kennuudhaan akka duubatti deebi’aniif dhiibbaa uumuun Badhaadhina kan miidhudha malee kan fayyadu miti.Badhaadhinni yaa’a yaadamaa kan barbaadu akka ta’e muummchi mirkaneessaniiru.Kanneen isinitti hintolle dhageessanii?Fayyaa ta’aa!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman