ልጥፎች

ከጃንዋሪ, 2021 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Qabsoon Keenya Ceheera

ምስል
  Firaa fi Diinafuu! Finfinnee Amajjii 21/2013(TW) Bubbee beektuu? Bubbeen yaraan waa halle sochoofata! Biyya kanatti hojii caalaa oduutu gurra argata! Kanaaf otoo dhugaan himamuu ololli kijibaa oggasuu biyya dhuunfata! Jidduu kana ammoo ololli toora masaraa Muummichaa marfata.Kijibaa hundi dhibamuu ykn. ajjeefamuu Dr Abiyyi abjoota! Ammoo dubbichi qabsoo ummataatiin wal-qabata.Firri waan dhibeen ykn. duuti Dr. Abiyyi qabsoo ummataa gufachiisu se'ee sodaata!Diinni fagoo fi dhiyoo ammoo "Abiyyi ajjeesuun badhaadhina Itoophiyaa maseensuu dha" jedhee hamoommata! Martuu ofumaa waan hin taaneen rakkata! Kunoo hardhas Muummichi waa hojjata! Eeyyeen dhugaa dha! Dhalli namaa dhibamuu fi du'uu hin oolu! Dr. Abiyyi ilma namaati.Wanti nama mudatu martuu isa mudatuu mala! As irratti of gowwomsuu hin barbaachisu! Dhugaa fudhatanii bilchinaan dubbii ilaalutu karaa dha! Waa sadi sirriitti eeggatuu barbaachisa. Tokko duula ololaa dandamatuu dha. Diinni guyyuu sangaa dhalchiisa! O