Qabsoon Keenya Ceheera

 Firaa fi Diinafuu!

Finfinnee Amajjii 21/2013(TW) Bubbee beektuu? Bubbeen yaraan waa halle sochoofata! Biyya kanatti hojii caalaa oduutu gurra argata! Kanaaf otoo dhugaan himamuu ololli kijibaa oggasuu biyya dhuunfata! Jidduu kana ammoo ololli toora masaraa Muummichaa marfata.Kijibaa hundi dhibamuu ykn. ajjeefamuu Dr Abiyyi abjoota! Ammoo dubbichi qabsoo ummataatiin wal-qabata.Firri waan dhibeen ykn. duuti Dr. Abiyyi qabsoo ummataa gufachiisu se'ee sodaata!Diinni fagoo fi dhiyoo ammoo "Abiyyi ajjeesuun badhaadhina Itoophiyaa maseensuu dha" jedhee hamoommata! Martuu ofumaa waan hin taaneen rakkata! Kunoo hardhas Muummichi waa hojjata!

Eeyyeen dhugaa dha! Dhalli namaa dhibamuu fi du'uu hin oolu! Dr. Abiyyi ilma namaati.Wanti nama mudatu martuu isa mudatuu mala! As irratti of gowwomsuu hin barbaachisu! Dhugaa fudhatanii bilchinaan dubbii ilaalutu karaa dha! Waa sadi sirriitti eeggatuu barbaachisa. Tokko duula ololaa dandamatuu dha. Diinni guyyuu sangaa dhalchiisa! Oduu abbaan fedhe hoofuun raafamuun ammoo nama taajjabsiisa.Dubbii amanuun dura madda isaa qoratuu barbaachisa! Lammati eegumsa nageenyaa cimsuu dha! Diinni gaafa fi bakka itti toletti balaa kiyyeessuu mala! Diinummaatu sana qaba! Wanti guddaan kiyyoon diinaa akka fashalu namuu gahee ofii bahuu dha. Diraa odeeffannoo tolfatanii daguu malee fagootti diina eeggatuu feesisa! Sadi balaa gale sirnaan qabuu dha! Balaan tasaa dhalatuu mala! Gaafas rifaatanii rakkoo irratti rakkoo dhaluun hin baasu! Bilchinaan qabanii miidhaa gahu hirdhusuutu qaroomina!

Eeyyeen! Amma dubbiin fagoo dha! Waan firrii fi diinni beekuu qabu! Qabsoon keenya ceheera! Sii'achi badhaadhina Itoophiyaa dhaabuu mitii qabbaneessunuu waan hin taane! Hin danda’amu!Dubbiin Dr. Abiyyi harka hin jiru! Badhaadhinni jaarmayeera!Warri Abiyyi ajjeesee badhaadhina dhaabuu fedhu abdii haa kutatu! Warri duuti Abiyyi qabsoo qancarsa jedhee sodaatus haa jajjabaatu! Badhaadhinni kuteera! Gidiraan hattuu fi finxaaleyyii isa hin dhaabu!


Badhaadhinni yaadama! Yaadamni sun ilaalama ida'amuutiin qajeelfama! Badhaadhinni sagantaa dha! Sagantichi badhaadhina hunda-galeessaa fi tokkummaa sab-daneessaan beekama!Kaayyoon keenya guddaan caba siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa fayyisuu dha! Sun ammoo jaarmessuu gaafata! Yaada moo'ataa irratti jaarmaa jabaa ijaaruu jechuu dha! As irratti Dr Abiyyi gahee gita hin qabne gumaatera! Amma garuu hojii murteessaa xumureera! Yaada biyyi ittiin ijaaramtu, Ida'amuu, kurfeessee kitaabaan kaayera. Ulfina Itoophiyaaf karaan Ida'amuu, galmi badhaadhina ta'uu ifaan himeera! Qajeeltoo Ida'amuutiin sagantaa bocee Paartii Badhaadhinaa ijaarera! Sab-daneessummaan, bilisummaan, kabajaan lammiilee fi obbolummaan utubaawwan paartichaa ta'uu barsiisera! Himaammataa fi tarsiimoo badhaadhinaa sirnaan gurmeessuun irratti leenjiiwwan murteessoo kenneera! Naannolee hunda keessa miila badhaadhinaa dhaabee jira! Ummata guutuu, keessattuu dargaggeessa abboomsera! Hunda caalaa ammoo raayyaa ittisaa goota fi jabaa tokkummaa fi birmadummaa biyyaa balaa feete irraa tiksu ijaarera! Kanaafuu Abiyyi hojii ijoo fixeera! Inni jiraatus jiraatuu baatus badhaadhinni hin dhaabbatu! Diinni hamoommatus homaa hin argatu! Firri ammoo dhugaa hubatee badhaadhinaaf yaa hojjatu! Ameen!

 

VIA:Taayyee D.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman