Gootota misoomaa keenya baga gammaddan!

Har'a magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Gootoonni misoomaa Oromiyaa 922 badhaafamaniiru.
Gootota misoomaa kanaaf qaamoleen deeggarsa taasisaa turanis badhaasa qophaa'eef fudhataniiru.Badhaafamtoota keessaa 105 Dubartoota akka ta'an himameera.Isin hundumtuu baga gammaddan!
Egaa badhaafamuu qofaan galma ta'uu akka hindandeenye hubachuudhaan bu'aa itti aanuuf carraaquufi lakkoofsa adda durootaa daran dabaluuf hundumtuu hojjechuudhaan shoora gamasaa gumaachuutu irraa eegama.
Gootonni misoomaa keenya haala kanaan beekkamtii argatanii wayita badhaafaman humnoonni gadduudhaan ijjisaanii diimatu akka jiran beekuudhaan bu'aa caaluuf xiiqiidhaan hojjechuun barbaachisaadha!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

ግጭት ተከስቶባቸው የነበረባቸው የቡኖ በደሌ ዞን ሁለት ወረዳዎች ሙሉ በሙሉ ወደ መረጋጋትና ሰላም ተመልሰዋል

የዶ/ር ነጋሶ “የኦሮሞ ህዝብ ታሪክ” መፅሐፍ