Himannaan Dooktar Mararaa addaan cite

Dooktar Mararaa Guddinaa fi Dooktar Ruufaa’eel Disaasaa dabalatee himannaan sadarkaa federaalaan namoota 115 irratti banamee ture addaan cite.
Faanaa Broodkaastiing Koorporeet odeeffannoon argate akka muul’isutti himannaan shakkamtoota naannoo Kibbaa godina Geede’oo 361 fi aanaa Koonsoo 52 adda citeera.
Naannoleen biroos dhimma shakkamtoota himannaan isaanii adda cituuf adda baasaa jiru.
Murtee koreen hoji raawwachiistuu ADWUI dabarseen himannaan shakkamtoota 528 marsaa duraatin akka adda cituuf taasifameera.
Shakkamtoonni kanneenis har’aa fi booru haaromsa fudhatanii iftaanii kaasee kan gadi lakkifaman ta’uu Abbaan Alangee Federaalaa obbo Geetaachaw Ambaayeen ibsa har’a laataniin beeksisaniiru.

Maddi:FBC

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman