ልጥፎች

ከኦክቶበር, 2019 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Gufuu tokkummaa Oromoo buqqisuuf hojjenna

ምስል
Tibbana wanti tokkummaa Oromoo’tti gufuu ta’uu danda’u mul’atee darbeera.Oromoon yoo tokko ta’uun socho’u bu’aan argamu sirritti waan beekamuuf tokkummaa Oromootti gufuu ta’uuf kan socho’u diina keessaaaafi alaa hedduutu jira. Adeemsaafi tooftaa diina alaafi keessaa kana beekuudhaan qolachuuf dhaabbachuun dirqama Oromoo hundaa ta’uu qaba.Waan qabatamaan ta’ee darbe hubachuuf mudannoowwan tibbanaa qofa xiinxaluun gahaadha. Muummichi ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad torban darbe keessa miseensoota mana maree bakka bu’oota ummataatiin gaaffilee gara garaa dhiyaataniif ibsaafi deebii bal’aa wayita kennanitti gaaffii dhimma naamusa miidiyaalee irratti dhiyaateef ol’aantummaa seeraa jiddu galeessa gochuudhaan deebiin kennan sirriidha,dogongora tokkollee hin qabu.Dr.Abiyyi wayita dhimma kana irratti deebii kennanitti abbootiin qabeenya miidiyaa lammummaa biyya alaa qaban of eeggannoodhaan akka hojjechuu danda’aniif dhaamsa sirrii ta’e dabarsan.Dirree bal’isuuf obsine nuhubadhaa jedhan. Dii

Oromiyaatti tasgabbiin akka bu'u, ummanni jiruu idileetti akka deebi'u waamichi dhiyaate

ምስል
Finfinnee, Onkololeessa 13, 2012 (Tolawaaq Waarii) – Gaaddisni Hoggansa Oromoo mari ’atee amma kallattii kaa’utti, ummanni Oromoo akka tasgabbaa’u waamichi dhiyaate. Hoggansi paartilee siyaasaa fi hayyoonni Oromoo haala waqtaawaa naannoo Oromiyaa fi Oromoorratti ibsa waloo laataniiru. Ibsichaanis naannoo Oromiyaatti tasgabbiin akka bu'u, ummanni jiruu idileetti akka deebi'u dhaamameera. Hayyoonni Oromoo; obbo Leencoo Lataa, obbo Jawaar Mahaammad, obbo Galaasaa Dilboo, Jaal Daawud Ibsaa, obbo Mulaatuu Gammachuu, obbo Abbaa Nagaa Jaarraa, Birgaadeer Jeneraal Kamaal Galchuu haala waqtaawaarratti ibsa waloo laataniiru. Obbo Leencoo Lataa ibsa laataniin Oromoon wareegama kaffaleen sadarkaa amma irra ga'erra qaqqabuu kaasanii, kanaan booda humnaan qaamni socho'u kan hin milkoofne ta'uu hubachuutu barbaachisa jedhaniiru. Ummanni Oromootis nageenya naannoo fi saboota isa waliin jiraatanii akka tiksu gaafataniiru. Obbo Jawaar Mahaammad aggaammiin narratti taas

Qabxiiwwan 7 Waa'ee Walitti Makamuu Dhaabbilee Minseensa ADWUI irratti

ምስል
Riifoormiin ADWUI Maaliif Barbaachise? 1.Ijaaramni ADWUIn Uumama Isaatiin Dimokraatawaa Hinturre. Jaarmiyaaleen siyaasaa addicha hundeessan afran (ODP, ADP ABUT,  fi SDUKI) bay’ini miseensaa, hoggansaa fi ummata bakka bu’anii walqixa miti. Ta’us paartiin miseensa aaddichaa kan miseensota kuma dhibba sadii qabus, kan miseensota miiliyoona sadii qabus koree hojii raawwachiiftuu ADWUI keessatti namoota 9’n, Mana maree ADUWI keesatti miseensota 45n qixxee bakka bu’aa qabaataa turanii jiru. Adeemsi kun Addichi gonkumaa dimokraatawaa akka hintaane kan agarsiisuudha. Gama biraatiin hariiroon paartiilee fi hoggansa ADWUI keessa ture,hariiroo walqixxummaa fi jaalluummaa irratti bu’uurreffame osoo hintaane, hariiroo gooftaa fi ashkaraa ture. Adda kana keessatti qaama aangoo ol’aanaa qabutu garee (clique) ijaarratee waan barbaade raawwachiisa malee murtoon karaa dimokraatawaa ta’een raawwatmaa hinturre. 2.Gurmaa’inni ADWUIn Haammataa Miti ADWUIn adda paartiilee afur qofaan ijaaramedha