Oromiyaatti tasgabbiin akka bu'u, ummanni jiruu idileetti akka deebi'u waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2012 (Tolawaaq Waarii) – Gaaddisni Hoggansa Oromoo mari’atee amma kallattii kaa’utti, ummanni Oromoo akka tasgabbaa’u waamichi dhiyaate.
Hoggansi paartilee siyaasaa fi hayyoonni Oromoo haala waqtaawaa naannoo Oromiyaa fi Oromoorratti ibsa waloo laataniiru.
Ibsichaanis naannoo Oromiyaatti tasgabbiin akka bu'u, ummanni jiruu idileetti akka deebi'u dhaamameera.
Hayyoonni Oromoo; obbo Leencoo Lataa, obbo Jawaar Mahaammad, obbo Galaasaa Dilboo, Jaal Daawud Ibsaa, obbo Mulaatuu Gammachuu, obbo Abbaa Nagaa Jaarraa, Birgaadeer Jeneraal Kamaal Galchuu haala waqtaawaarratti ibsa waloo laataniiru.
Obbo Leencoo Lataa ibsa laataniin Oromoon wareegama kaffaleen sadarkaa amma irra ga'erra qaqqabuu kaasanii, kanaan booda humnaan qaamni socho'u kan hin milkoofne ta'uu hubachuutu barbaachisa jedhaniiru.
Ummanni Oromootis nageenya naannoo fi saboota isa waliin jiraatanii akka tiksu gaafataniiru.
Obbo Jawaar Mahaammad aggaammiin narratti taasifame sirrii miti; rakkoo jiru kamuu marii fi ilaa fi ilaamedhaan hiikun osoo danda'amuu shiraan wal kuffisuuf yaalun nuuf hin maluuyyu jedhaniiru.
Kaleessa duunee, cabnee har'as du'uun, wareegama kanaan dura kaffalame caalaa garaa nu gubeera jedhan.
Oromoon kana booda siyaasa shiraa fi gidiraatif kan hin jilbiinfannedha, waldoorsisuu fi walajjeesun kaleessa gaaga'amatti nu galche, har'as of eeggannaadhan deemutu nurra jiraatan dhaamaniiru.
Obbo Galaasaa Dilboon ibsichaan ummanni sakaaltee kuffistuu akka eeggatu, nagaa akka buusu, naannoo fi saboota isa waliin jiraatan akka tiksu dhaamaniiru.
Jaal Daawud Ibsaan ammoo gaffiin Oromoo deebii argachuu akka qabu, ummanni Oromoo naannoosaa akka tiksatu dhaaman. Oromoon wareegamaan as cee'e nagayaan ba'ee galuu qaba; dhiibbaan kamuu hataattamaan irraa dhaabbachuu qaba jedhaniiru.
Obbo Mulaatuu Gammachuun gama isaanitiin dhiigni Oromoo dhangala'uu hin qabu; kan kanaan duraatuu nu ga'a. Tokkummaa keenya eeggannee injifannoo caalu galmeessisuu danda'uutu nurra jiraata jedhan.
Yaalin obbo Jawaar Mahaammad irratti raawwatame, qaanessaa fi waan godhamuu hin qabnedhas jedhaniiru. Jaarmiyaaleen caayaa ijaaraniin walitti dhufanii kallattii furmaataa kaa'uu qaba. Oromoon nagayaan ba'ee nagayaan galuu qabas jedhan.
Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa diinni waan amma ammaatti arganne nu harkaa butachuu barbaaddi; Oromoon rakkoon sabaa fi amantaa akka hin mudanne eeggannoon socho'uu qaba jedhan.
Birgaadeer Jeneraal Kamaal Galchuun ammoo humnoonni Oromoo jijjiirramichaan hammatamuu qabu ture; silaa rakkoon akkanaas hin mudatuyyu jedhan
Amma yeroo gabaabaatti Gaaddisa Hoggansa Oromoo waliin mari'annee furmaata laannutti, obsaa, nagaa buusaa, naannoo keessan tikfadhaa jedhaniiru.
Hoggansi paartilee siyaasaa fi hayyoonni Oromoo haala waqtaawaa naannoo Oromiyaa fi Oromoorratti ibsa waloo laatan kanaan, poolisiin Oromiyaa rakkoon bal'aan akka hin uumamne ga'ee ba'ateef galateeffataniiru.
Haala waqtaawaa sababeeffachuudhan hiriira ba'ameen, injifannoo Oromoon amma ammaatti argate butee fudhachuu kan barbaadu waan jiruuf, walitti bu'iinsi sabaa fi amantaa akka hin uumamne waamichi dhiyaatera.
Mootummaan biyyattiin kan sabaa fi sablammootaa ta'uu hubatee, dhimma biyyaa kamirrattuu hirmaachisummaa akka mirkaneessu gaafataniiru.
Ibsa waloo kanaan Oromiyaa keessa hidhamtoonni jiran akka hiikaman gaafatameera.
Qabsoo nagayaa malee, humnaan wal jilbiinfachiisuf barrisaa darbeera; furmaanni jirus mari'atanii yaada furmaataa laachudha jedhaniiru.

Maddi:FBC Afaan Oromoo

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman