Gufuu tokkummaa Oromoo buqqisuuf hojjenna
Tibbana
wanti tokkummaa Oromoo’tti gufuu ta’uu danda’u mul’atee darbeera.Oromoon yoo
tokko ta’uun socho’u bu’aan argamu sirritti waan beekamuuf tokkummaa Oromootti
gufuu ta’uuf kan socho’u diina keessaaaafi alaa hedduutu jira.
Adeemsaafi
tooftaa diina alaafi keessaa kana beekuudhaan qolachuuf dhaabbachuun dirqama
Oromoo hundaa ta’uu qaba.Waan qabatamaan ta’ee darbe hubachuuf mudannoowwan
tibbanaa qofa xiinxaluun gahaadha.
Muummichi
ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad torban darbe keessa miseensoota mana maree bakka bu’oota
ummataatiin gaaffilee gara garaa dhiyaataniif ibsaafi deebii bal’aa wayita
kennanitti gaaffii dhimma naamusa miidiyaalee irratti dhiyaateef ol’aantummaa
seeraa jiddu galeessa gochuudhaan deebiin kennan sirriidha,dogongora tokkollee
hin qabu.Dr.Abiyyi wayita dhimma kana irratti deebii kennanitti abbootiin
qabeenya miidiyaa lammummaa biyya alaa qaban of eeggannoodhaan akka hojjechuu
danda’aniif dhaamsa sirrii ta’e dabarsan.Dirree bal’isuuf obsine nuhubadhaa
jedhan.
Diinni
keessaa haala mijaawaa eeggachaa jiru battala kanatti riphuudhaan deebii
kenname hordofaa ture.Muummchi ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad turtii miseensoota
mana maree bakka bu’ootaa wajjin taasisan xummuruudhaan waaree booda gara
Ruusiyaatti imaluunsaanii oduudhaan miidiyaawwaniin tamsa’e.Dhimmi gara
Ruusiyaa imaluu muummicha ministiraa kanumaan dura himamaa ture waan ta’eef
diinni keessaa tooftaa qopheeffachaa akka ture tilmaamuun nama hin dhibu.
Warri
paaspoortii biyya alaa qabdan yoo nuti rakkootti gallu isini nu dhiiftanii
baqattu,nuti biyya biraa hin qabnu, seeraafi naamusa eeguudhaan hojjedhaa
jechuun dhaamsa dabarsuun eenyufa’iif dhaamsa darbe akka ta’e kanneen keessa
beekan yeoo mijeeffachuun halkan gara waardiyoota Jawaar Mahaammadiif
ramadamanitti akka bilbilamu taasisan.
Waardiyoonni
Jawaar ammoo kutannoodhaan ejjennoo qaban ibsuudhaan diddaa mul’isan.Tarkaanfiin
waardiyoonni Jawaar fudhatan sirriidha,asirratti dogongorri raawwatame
tokkollee hin jiru.Inumaatuu fayyadamtummaa Saba Oromootiif namoonni akkanaa
kan ejjennoo hin raafamne qaban akka nuuf baay’aataniif waaqa kadhachuun
gaariidha.
Battala
eegdota/waardiyoota Jawaariif bilbilametti dhimmicha qulqulleessuuf qaamolee
gara garaatti akka bilbilame Jawaar ibsa borumtaatti kenneen himeera.Dhugaafi
soba ta’uusaa isaanumatu beeka,wayita mudannoon fafeen kun mudatutti waluma
bira waan turaniif.
Tarkaanfiin
Jawaar jarjarsuudhaan fudhates waanuma eegamudha.Utuu wanti kun anarratti ta’ee
maalan godha jechuudhaan of gaafachuun barbaachisaadha.Jawaar ergaa fuula
feesbuukii isaarratti dabarseen marfamnee jirra nurraa deemaa yoo deemuu
baattan tarkaanfii fudhanna jechuunsaa dogongora qaba jedhee hin yaadu.Mirri
jarjarsuu waan jiruuf Jawaar yeroo kanatti fala biraa waan yaaduu danda’e natti
hin fakkaatu.Fkf.dhimma kana qondaaltoota walitti dhiyeenya qabutti maalif
himuu dhiise jechuun yaadni dhiyaatu jira.
Battala
kanatti Qeerroon ergaa Jawaar dabarse argate socho’ee Jawaariif birmachuun
isaas waanuma ta’uu qabudha.Qeerroon Oromoo Jawaariif halkan sanaan birmachuunsaa
jajamuu qaba!Tarkaanfiin kun akka Oromoon waliif quuqamufi diina walirratti duuluu
danda’u mul’isa.
Dhimmi
halkan sana mudate qoratamee ummataaf ibsama jedhameera.Qorannoon kun saffisuu
qaba.Ergama kana keessatti enyuufa’itu hirmaate?Eenyuun darbaa dabrsaadhaan
ajajaman?maalif waan kana halkan raawwachuuf karoorfatan?takka takkaan
balballoomfamee Ummatatti himamuu qaba.Kana gochuu kan danda’u ammoo hooggansa
amma jirudha.Wanti kun saffisaan qoratamee hin dhiyaatu taanaan gaarii hin ta’u.Hooggansa
jijjiiramaatiifis akkuma barame mala baratametu malama.Duurfamuun dura duursuu
wayya.
Diinni
Oromoo mudannoo kanaan bu’aan argate maali?
Diinni
hooggansa Oromoo mudannoo tibbanaa kanaan bu’aa qabatamaa akka argatee gammade
hubachuun barbaachisaadha.Gocha diinaa kanaan Tokkummaa Oromoo dagaagaa jirutti
qaawwa uumuuf yaaliin qabatamaan taasifameera.Mikaa’uu baatus yaaliin diinaa
tuffiidhaan taasifame kun hamma takko diinaaf bu’aa argamsiiseera jechuun ni
danda’ama.
Kana
malees borumtaa mudannoo kanaatti Naannoo Oromiyaa iddoo baay’eetti Daandiin
cufameera.Qeerroon karaa nagaatiin ta’us mormiisaa dhageessiseera.Humni qeerroo
guyyoota lamaaf sochii diinagdeerraa dhaabbate diinaaf bu’aa akka ta’etti
ilaalamuu qaba.
Mudannoo
kana booda dhimmicha gara waldhabdee amantaafi Sabaatti jijjiiruuf yaalii
taasifameen lubbuun namoota 67 darbuuniifi iddoowwan adda addaattis qabeenyi
mootummaafi dhuunfaa barbadaa’uun diinaaf bu’aa qabatamaan mul’atu akka ta’e
haalamuu hin qabu.Diina keenya waan godhu dhabee shira xaxaa ooluuf kan tarreeffame
kun hundumatuu bu’aa ol’aanaadha.
Hooggansa
Oromoo jalatti wantoonni fokkisaan tibbanaa kun akka raawwataman gochuun duruu
Oromoon biyya hoogganuu hin danda’u jechuun ejjennoo qabatan sana dhuguumsuuf
akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.Diinoota keenya waan kana keessa kan isaan
galche Oromoon biyya hoogganuu irra darbee ga’uumsa hooggansa isaa Addunyaatti
beeksisusaa akka ta’es qalbeeffachuun barbaachisaadha.
Fuulduratti
Oromoo hunda irraa maaltu eegama?
Tokkummaan
Saba Oromoo amansiisaa ta’uu qaba!Tokkummaan Oromoo akka sibiilaatti jabaataa
akka ta’uufi miccaramus kan hin jallanne akka ta’uuf xiiqiidhaan hojjechuun
dirqama Oromoo hundaa ta’uu qaba.
Dhimma
tokkummaa Oromoo irratti sababa adda addaa tarreessuudhaan qaawwa uumuuf
kanneen carraaqan kamiyyuu balaaleeffatamuu qabu,yoo dogomgoran akka of
sirreessan gorsuu qabna,yoo ejjennoodhaan dhufan ammoo akka itti qolannu
mijeeffachuudhaan waliin qolachuu danda’uu qabna.Dhimmi tokkummaa saba Oromoo
dhimma ijoo Oromoo hundaa ta’ee irratti hojjetamuu qaba.
Diinni
keenya jaarraa tokkoofi walakkaa ol Oromoo cunqursuun itti roorrisuu kan danda’e
Oromoo qoqqooduudhaan,nutti fakkeessee numa wal nyaachisuudhaan akka ta’e
yoomillee dagachuu hin qabnu!
Gaaffiiwwan
Oromoo gurguddoon hanga ammaatti deebii hin arganne deebii gahaa akka
argataniif Oromoon hunduu yaada tokkoon dhaabbachuu qaba.Waadaa hooggansa ol’aanaadhaan
galames obsaan eeguun gamnummaadha.Hooggansa Oromoo amma biyya bulchaa jiru ija
shakkiitiin ilaaluunis dhaabbachuu qaba.Hooggansi Oromoo sadarkaa fiixee amma
irra jiru irra ga’e deebi’ee Saba Oromoo miidhuuf hojjechuu danda’a jechuun
yaaduun tarii miidhama waggoota hedduuf nurra ga’e irraa ka’uun shakkii dhufu
ta’uu danda’a waan ta’eef dhimma kanas walitti dhiyaachuudhaan wal
hubachiisuun,walgorfachuun dubbii kamiyyuu obsaan ilaaluun barbaachisaadha.Carraa
amma arganne kana yoo nu harkaa ba’e deebinee argachuu akka hin dandeenyetti
yaaduudhaan hojjechuun dirqama Oromoo hundaa ta’uu qaba!Waan saba guddaa kana
gabrummaa jalatti deebisu irraa of eeguudhaan socho’uunis imaanaa Oromoo hundaa
ta’ee yoo hojjenne rifaatuun tibbana numudate yeroo gabaabduu keessatti akka
badu tilmaamuun rakkisaa hin ta’u.Tolawaaq Waarii waan dubbiftaniif
galatoomaa!Horaa bulaa!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ