Qabxiiwwan 7 Waa'ee Walitti Makamuu Dhaabbilee Minseensa ADWUI irratti


Riifoormiin ADWUI Maaliif Barbaachise?
1.Ijaaramni ADWUIn Uumama Isaatiin Dimokraatawaa Hinturre.
Jaarmiyaaleen siyaasaa addicha hundeessan afran (ODP, ADP ABUT, fi SDUKI) bay’ini miseensaa, hoggansaa fi ummata bakka bu’anii walqixa miti. Ta’us paartiin miseensa aaddichaa kan miseensota kuma dhibba sadii qabus, kan miseensota miiliyoona sadii qabus koree hojii raawwachiiftuu ADWUI keessatti namoota 9’n, Mana maree ADUWI keesatti miseensota 45n qixxee bakka bu’aa qabaataa turanii jiru. Adeemsi kun Addichi gonkumaa dimokraatawaa akka hintaane kan agarsiisuudha. Gama biraatiin hariiroon paartiilee fi hoggansa ADWUI keessa ture,hariiroo walqixxummaa fi jaalluummaa irratti bu’uurreffame osoo hintaane, hariiroo gooftaa fi ashkaraa ture. Adda kana keessatti qaama aangoo ol’aanaa qabutu garee (clique) ijaarratee waan barbaade raawwachiisa malee murtoon karaa dimokraatawaa ta’een raawwatmaa hinturre.
2.Gurmaa’inni ADWUIn Haammataa Miti
ADWUIn adda paartiilee afur qofaan ijaaramedha. Paartiilee naannoolee Gambeelaa, Benishaangul Gumuz, Somaalee, Affaar, Hararii maqaa “Paartii deeggertootaa” jedhu itti moggaaseetu ofirraa fageessa. Kanaafis naannooleen kun hawaasni isaanii bal’aan horsiifattee bultoota waan ta’aniif bu’uura warraaqsa dimokaraasii ta’uu hindanda’an jedhee farraja.Horisiisee bultootni naannoo ummatoota Kibba Itiyoophiyaa fi Oromiyaa keessa jiran garuu bu’uura hawaasummaa paartichaa godhee yeroo fudhatu argina. Kun yaada waldhiitaa fi addichi ummattota kaan hammatee dhimma biyaa keessaatti qooda akka fudhanne godhuuf yaadamee kan raawwatame ta’uu akkasumatti namaaf gala.Kun ammoo yaada dogogoraa biyya bulchuu fi gaheen hoggansa mootummaa g/galeessaa gahee hayyoota siyaasaa (Political elite) muraasaati ilaalcha jedhurraa kan ka’udha.
3.Gurmaa’ina ADWUItiin Fedhii Ummattoota Biyya Kanaa Guutuun Hindana’amne
Adeemsa waggoottan 27 darbanii yoo ilaalle hoggansa ijaarama ADWUItiin kennamaa tureen fedhiiwwan bu’uuraa ummata keenyaa, fedhii dimokraasii fi bilisummaa saba keenyaa guutuu hindandaa’mne.Kaayyoon addichaa waraqaa irratti kan nama hawwatu ta’us walqixummaa sabaa fi sablammootaa biyya kana keessatti qabatamaadhaan mirkaneessuu hindandeenye.Fakkeenyaaf hirmaannaa gadi aanaa naannoolee moggaa jiran qooddannaa aangoo fi siviil sarviisii federaalaa keessatti qaban kaasuun ni danda’ama. Hoggansa addichaa jalatti biyyattii keessatti buu’uura dimookraasii dhaabuun hindanda’mne. Imaammatootni, Tarsiimoowwanii fi seerotni biyyattii keessatti bahaa turan hiyyeesa caalaatti kan hiyyoomsanii fi garee hattuu muraasa fayyaduu yaada keessa galchuun kan qophaa’aa turanidha. FKN. Labsii gibiraa fi taaksii, Labsii Faayinaasii, sirna gabaa biyyattii kkf. kaasuun ni danda’ama

4.Hoggansa Addichaa Jalatti Biyyi Keenya Dimokratawaa Ta’uu Hindaneenye!
Seenaa biyya keenyaa keessatti waggoottan 27 darbe waa’ee dimokraasii fi qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisee wantootni hedduun jedhamanis gochi qabatamaan raawwatamaa ture maal akka ta’e nama hundaafuu ifaadha.Ajjeechaa, hidhaa, ukkaamsaa fi dhiittaan/sarbamni mirga dhala namaa irratti raawwatamaa ture maraammartoo falmii fi qabsoo mirgaa walirraa hincinnetti nugalechee jira. Ummatni Oromoo fi sabaa fi sablammootni biyyattii sirna nama nyaataa ta’e kana fiixeedhaa hanga fiixeetti sagalee tokkoon fuuldura dhaabbatee falmachaa, wareegama qaalii kaffalee qaanqee bilisummaa dhandhamuu eegalee jira. Ummatni biyya keenyaa kana booda hojimaata fi gurmaa’ina farra dimookraasii turee fi dhiittaa/sarbama mirga dhala namaa geggeessaa ture ilaaluu hinbarbaadu.
5. Sirni Federaalizimii Dhugaa Ijaaruu Dadhabuu
Sadarkaa mootummaa federaalaatti qooddaanaan aangoo fi leecalloo haqa qabeessa hinturre. Hirmaannaan Siviil sarvaantiin sadarkaa federaalaa haqa qabeessa miti. Dhimma aangoo naannoolee keessas harka dheeraffachuun bal’inaan mul’ataa turee jira. Hanga moogziitiidhaan bulchuutti deemamee jira. Seerotni fi hojimaatotni biyyattii keessatti bahaa turan seerota amala mootummaa waalta’aa qabaniidha.Fakeenyaaf seera gibiraa fi taaksii, itti fayyadma lafaa fi kkf. ilaaluun nidanda’ama. Hiramaannaa fayyadamummaan sabaa fi sablammootni biyyattii federeeshinicha keessatti qabaachaa turan agarsiisa sirbaa fi shubbisaa guyaa sabaa fi sab lammootaa bira kan darbe miti.
High Culture (aartii, hog barruu, knowledge production ) biyyattii olaa’ntummaa garee tokkoo qofa kan calaqqisuus ta’uu isaatiin aadaa, duudhaa fi eenyummaan sabaa fi sabalammootaa bakka hundatti sadarkaa barbaadamuun callaqisuu hindandeenye.Kun ammoo ADWUIn federaalizimii dhugaa biyya kana keessaatti akka ijaaramu godhuu akka hindandeenye agarsiisa.Gama biraatiin ijaarsa biyyoolessaa (nation building) milkeessuu hindandeenye. Seenessa hariiroo obbolummaa ummattootaa cimsan irratti xiyyeeffachuu manna biyya kanaa irratti walshakkiin akka babal’atu sabni tokko isa biraa akka diinaatti akka ilaalu godhuun biyyattii maraammartoo walshakkii hammaataa keessa akka galtu taasisee jira.
Walumaa galatti federaalizimiin hoggansa ADWUItiin ijaaruuf yaaalame federaalizimii af daneessaa fi sabdaneessa osooo hintaane sirna waalta’aa waliin kan walfakkaatudha.
6. Gurmaa’insa ADWUI fi Oromoo
Gurmaa’insi addichaa Oromoon bakka bu’ummaa fi hoggansa isaaf malu akka hin arganne, ummata guddaa ta’ee osoo jiru akka ummata xiqqaatti akka ilaalamu isa godhee jira. Paartiin keenya ODP’n halkanii fi guyyaa osoo dhamahu sababa jal’ina ijaarma addichaa irraa kan ka’e akka ergamtuutti ilaalamaa fi tuffatamaa turee jira. Gurmaa’insi ADWUI ODP-n ummata Oromoo birattis ta’e paartiilee addichaa biratti ija shakkiin akka ilaalamu isa godhee jira. Maqaa giddu galeessummaa dimokraasii eeguutiin gaaffiileen bu’uuraa ummata keenyaa akka ukkamsaman ta’ee jira. Ummata Oromoo keessa ta’e OPDO keessatti miirri moo’atamummaa akka dagaaguu godhee jira.
7. Adeemsa Jijjiiramaa fi ADWUI
Dheebuu jijjiiramaaf qabuu irraa kan ka’e ajandaawan gurguddoo ummatni keenya wareegamoota qaqqaalii itti kafale gurmaa’insa moofaa ADWUItiin fiixaan baasuu hindanda’mu.Ijaaramni ADWUI biyya dimokraatawaa taate ijaaruuf kan uumame miti. Oromoon biyya kana keessatti qooda isaaf maluu karaa haqa qabeesa ta’een akka argatu kan godhuu dandeessisu miti.
Dhimmi ADWUI riifoorm godhuu kun dhimma taaktikaati.Taaktika faderaalizimii dhugaa, biyya dimokraasiin keessatti dagaage, bilisummaa fi walqixxummaan sabaa fi sablammoota hundaa keesatti mirkanaa’e ijaaaruuti. Kanaafuu biyya kana keessatti dhimmoota gurguddoo wareegama qaqqaalii dhalootni itti kaffale deebisuuf, maraammartoo kufaatii biyyi kun keessa galte keessaa bahuuf, Sabaa fi sablammoota naannoolee guddataa jiraanii kan ADWUIdhaan moggaatti dhiibamanii turan gara siyaasa g/galeessatti fiduun humna misooma biyyaa gochuuf ijaarama paartii hundaaf ta’u, kan fedhii Oromoo waliin walgituu fi dantaa isaa guutuu danda’u ijaaruun murteessaadha.
(Addisuu Araggaatiin)

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman