ልጥፎች

ከጃንዋሪ, 2020 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Obbo Taayyee Danda'aa waa'ee nageenya Lixa Oromiyaarratti waan jedhan

Rakkoon nageenyaa lixa Oromiyaatti mul'ataa jiru yeroo gabaabaatti waan karaa qabatuuf wanti nama yaaddessu hin jiru jedhan Obbo Taayyee Danda'aa. Jimaata darberraa eegalee godinaalee wallaggaa afran keessatti tajaajilli interneetii fi bilbilaa adda cituufi rakkoo nageenyaa naannawa sanaa ilaalchisuun BBC waliin turtii kan taasisan, Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatti hogganaan sab-qunnamtii Obbo Taayyee Danda'aa, mootummaan Ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf dirqama qabu hojiitti hiikaa jira jedhan. Lixi Oromiyaa sababa qaama hidhatee naannicha keessa socho'u kanaatiin, yeroo dheeraadhaaf dararaa dhala namaatiif hin malle keessa jiraachuus himan. "Ajjeefamuu, gubamuun, laastikiin itti cobsiifamuunii fi wanti dhagahuufuu namatti ulfaatu cubbuutu bakka sanatti tolfamaa ture," jedhan. Mootummaan sababa miidhama uummatarra gaheen komatamaa turuufi yeroo ammaas Lixa Oromiyaa naannoo qaamni hidhate socho'u jirutti hojiin ol’aantummaa seeraa mirkan...

Yuunvarsiitiin Walloo barattoota, barsiisootaa fi hojjettoota 335 irratti tarkaanfii fudhate

ምስል
Finfinnee/Addis Ababaa Muddee 29/2012(TW) Yuunvarsiitiin Walloo barattoota, barsiisootaa fi hojjettoota jeequmsa keessatti hirmaatan jedhe 335 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise. Yuunvarsiitichi adeemsa baruu fi bariisuu irratti fudhatamaa fi fakkeenya gaarii qabaatus yeroo dhiyoo as sabaa fi amantaa bu’ura godhachuun jeequmsa ka’een ji’oottan darban keessa qofa yeroo afuriif barnoonni  adda cituu isaa preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Abaataa Geetahuun ibsaniiru. Jeequmsa kanaanis lubbuun barattoota lamaa yoo darbu barattoota muraasa irra ammoo miidhaan qaamaa ga’eera jedhan. Ji’oottan darbaniif qaamolee nageenyaa waliin sakatta’iinsa taasifameen qaamolee adeemsi baruu fi barsiisuu akka gufatuu fi lubbuun akka badu taasiisan barattoota 332, barsiisaa 1 fi hojjetoota bulchiinsaa 2 adda baasuun tarkaanfii irratti fudhamuu ibsaniiru. Kanneen keessaa dhimmi barattoota 12 fi hojjettoota 2 seeraaf dhiyaachuun ilaallamaa jira jedhan Dooktara Abaataan. Barsiisaa...

Olaantummaa seeraa fi Abukaatoo Shiftaa!

Finfinnee/Addis Ababaa Muddee 29/2012(TW) Dhugaa himuun firooma hin kutu. Waggaa tokkoof Wallagga nagaan hin jiru. Hojii fi jireenyi ummataa jeeqameera. Daldalli, qonnii fi hojiin biraas ugurame. Haadholiin yaala dhabuun ergaramu. Gidiraa qabsaayoti barii bilisummaa xaxaniin namooti danuun qe'ee buqqa'an. Lubbuun namaa bilaasha badaa jira. Namni jiraatti abiddaan gubata. Gariin foon isa irraa murame nyaatuuf dirqame. Kun dhala namaa hunda gaddisiisa! Garuu gaafatamaan eenyu? Dhugaa baasuu barbaachisa. Mootummaatti quba qabuun hin taatu. Warra gaafa wayyaanee rasaasa takka gara samiillee hin dhukaasintu gaafa Geetachoo Asaffaa aangoo gadhiisu aaree bosona Wallaggaa seene. Maqaa bilisummaa Oromootiin biloosoomuu Oromoo danquuf barii bilisummaa shaffaxan. Rakkoo fi gadadoo Oromoo otoo hin taane kufaatii wayyaanetu jara aarse. Qawwee, yaada fi tarsiimoo ormaatiin ormaaf lolu. Abukaatoo jaraa ammoo ajabne! Qooda keessaa qabaatinnuu? Ni laalama! Ganna 27f Oromoon W...

TPLF Badhaadhinatti hin makamu jette.Aaga dhageenye!

ምስል
Finfinnee/Addis Ababaa Muddee 27/2012(TW) Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay yaa'ii ariifachiisaa guyyoota lamaaf taa'e xummuree jira Addichi ibsa baaseen paartii Badhaadhinaa wajjin garaa garummaa tooraafi kaayyoo waan qabuuf akka itti hin makamne beeksiseera. Walitti dhufeenyi mootummaa federaalaa wajjin taasifamu seeraafi heera mootummaa irratti kan bu'uraaye ta'a jedheera.Sochiin kanaan alaa fudhatamu hin qabu jedheera.Muu! Qabeenya waliinii dhaabbilee miseensa ADWUI afaran turanii seera hordofuun ga'eesaa akka deebisiisus addichi ibsa ejjennoosaatiin nutti himeera. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa akka gabaasetti TPLF diigamuu ADWUI booda humnoota Federaalaa kanneen biroo wajjin sadarkaa addaatiin quunnamtii tarsiimawaa uumuuf akka murteesse himeera. Amma faarri tole baga calaatan! Rakkisaa kan ta'u makamanii shirasaanii yoo itti fufan ture.Amma shira xaxuuuf itti hin tolu.Qabsoo fuulduraa paartii Badhaadhinaatiifis ta'e Ummata bal...