Olaantummaa seeraa fi Abukaatoo Shiftaa!

Finfinnee/Addis Ababaa Muddee 29/2012(TW)

Dhugaa himuun firooma hin kutu. Waggaa tokkoof Wallagga nagaan hin jiru. Hojii fi jireenyi ummataa jeeqameera. Daldalli, qonnii fi hojiin biraas ugurame. Haadholiin yaala dhabuun ergaramu. Gidiraa qabsaayoti barii bilisummaa xaxaniin namooti danuun qe'ee buqqa'an. Lubbuun namaa bilaasha badaa jira. Namni jiraatti abiddaan gubata. Gariin foon isa irraa murame nyaatuuf dirqame. Kun dhala namaa hunda gaddisiisa!
Garuu gaafatamaan eenyu? Dhugaa baasuu barbaachisa. Mootummaatti quba qabuun hin taatu. Warra gaafa wayyaanee rasaasa takka gara samiillee hin dhukaasintu gaafa Geetachoo Asaffaa aangoo gadhiisu aaree bosona Wallaggaa seene. Maqaa bilisummaa Oromootiin biloosoomuu Oromoo danquuf barii bilisummaa shaffaxan. Rakkoo fi gadadoo Oromoo otoo hin taane kufaatii wayyaanetu jara aarse. Qawwee, yaada fi tarsiimoo ormaatiin ormaaf lolu. Abukaatoo jaraa ammoo ajabne! Qooda keessaa qabaatinnuu? Ni laalama!
Ganna 27f Oromoon Wallaggaa akkuma Oromoota biraa dararamaa wareegama qaalii kanfalaa bahe. Roorroo fi ergarama gita hin qabne dabarse. Saniif qaamoleen gaafataman danuu ta'uu malu. Hundaa ol garuu shanee fira fakkaatee ilmaan Oromoo maqaa qabsootiin ijaaraa bitaan bobbaasee mirgaan wayyaaneetti gurguraa turetu gaafatama. Dhugaa kana Onkololeessa 2010 ALE himeen ture. Girmaa Xurunaa yaadadhaa! Gaafa dhugaa himtu ammoo "gantuu" taata.
Amma waatu nu dhibaa jira. Yaada fi fedhii "sabboontotaa"-tu nuuf galuu dide. Afaan tokko irraa yaada waliif faallaa lama dhageenya. Gama tokkoon dararama ummata Wallaggaa kaasuun seera kabachiisuu dhabaaf mootummaa guddisanii komatu. Gama kaaniin ammoo shiftaan odeessa argatee akka miliquuf cufamuu interneetiin balaaleffatu. Sila dubbiin akkanaa maali? "Seerri haa kabajamu" jechuu fi "shiftaan haa miliqu" jechuun akkamiin wal-fudhata? Taargaa sabboonummaa maxxanfataa gadadoo ummataatiin nagaduun yoom dhaabbata? Sabboonaan "nagaya kadhannaatu fida" jedhu jiraannaan ammoo maaliif mootummaa komata?

Olaantummaa seeraa kabachiisuun wabii dimokiraasiti. Namuu haa tumsu!

VIA:Taye Dendea Aredo

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa