TPLF Badhaadhinatti hin makamu jette.Aaga dhageenye!


Finfinnee/Addis Ababaa Muddee 27/2012(TW)

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay yaa'ii ariifachiisaa guyyoota lamaaf taa'e xummuree jira
Addichi ibsa baaseen paartii Badhaadhinaa wajjin garaa garummaa tooraafi kaayyoo waan qabuuf akka itti hin makamne beeksiseera.
Walitti dhufeenyi mootummaa federaalaa wajjin taasifamu seeraafi heera mootummaa irratti kan bu'uraaye ta'a jedheera.Sochiin kanaan alaa fudhatamu hin qabu jedheera.Muu!
Qabeenya waliinii dhaabbilee miseensa ADWUI afaran turanii seera hordofuun ga'eesaa akka deebisiisus addichi ibsa ejjennoosaatiin nutti himeera.
Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa akka gabaasetti TPLF diigamuu ADWUI booda humnoota Federaalaa kanneen biroo wajjin sadarkaa addaatiin quunnamtii tarsiimawaa uumuuf akka murteesse himeera.
Amma faarri tole baga calaatan! Rakkisaa kan ta'u makamanii shirasaanii yoo itti fufan ture.Amma shira xaxuuuf itti hin tolu.Qabsoo fuulduraa paartii Badhaadhinaatiifis ta'e Ummata bal'aadhaaf murteen TPLF haara galfii uuma!Ashuu baga murteessitan Nagaatti!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa