Obbo Taayyee Danda'aa waa'ee nageenya Lixa Oromiyaarratti waan jedhan



Rakkoon nageenyaa lixa Oromiyaatti mul'ataa jiru yeroo gabaabaatti waan karaa qabatuuf wanti nama yaaddessu hin jiru jedhan Obbo Taayyee Danda'aa.
Jimaata darberraa eegalee godinaalee wallaggaa afran keessatti tajaajilli interneetii fi bilbilaa adda cituufi rakkoo nageenyaa naannawa sanaa ilaalchisuun BBC waliin turtii kan taasisan, Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatti hogganaan sab-qunnamtii Obbo Taayyee Danda'aa, mootummaan Ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf dirqama qabu hojiitti hiikaa jira jedhan.
Lixi Oromiyaa sababa qaama hidhatee naannicha keessa socho'u kanaatiin, yeroo dheeraadhaaf dararaa dhala namaatiif hin malle keessa jiraachuus himan.
"Ajjeefamuu, gubamuun, laastikiin itti cobsiifamuunii fi wanti dhagahuufuu namatti ulfaatu cubbuutu bakka sanatti tolfamaa ture," jedhan.
Mootummaan sababa miidhama uummatarra gaheen komatamaa turuufi yeroo ammaas Lixa Oromiyaa naannoo qaamni hidhate socho'u jirutti hojiin ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu bu'uura uummanni gaafateen hojjetamaa jira jedhan.
"Naannoo sanatti mootummaan maaf nageenya keenya nuuf kabachiisuu dadhabe yoo jedhame malee, tarkaanfiin uummata miidhu kan mootummaan fudhatu hin jiru.
''Kan godhamus hin jiru. Qaamni amma biyya bulchaa jiru kunis warra gaafa rakkootuu uummata kana wajjin dhaabbatee rakkoo isaas wajiin dhandhamaa ture malee akka warra fagoo taa'ee haasa'u kanaa miti," jedhan.
Marartee ummata sanaa nucaalaa namni qabaatu hin jiru kan jedhan Obbo Taayyeen, wanti akka mootummaan uummata keenya Wallaggaa miidhaa jira jedhamee hafarfamu kijiba jedhan.
Qaama hidhatee nageenya uummataa jeequ kanarratti tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu fudhatamaa turuufi kan miilanaas wanti adda godhu akka hin jirres eeran.
"Tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu yeroo dheeraa ture.Har'a hin jalqabne. Ammas sanumatu itti jira" jedhan.
Hojii ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu kuni jalqabarratti dirqama qaama nageenyaa naannoo Oromiyaa akka ta'ee fi federaallis qindoominaan hojjechaa jiraachuu himan.
Yeroo darbe jaarsummaan qaamni hidhatee bosona jiru kuni gara qabsoo nagaatti akka deebi'uuf yaalame sababa hin milkaa'in hafe yoo himanis, "Jaarsonni achi dhaqanii ijibbaatanii deebi'an.
Wanti suni kan hin milkoofneef sababa lamaafi. Tokkoffaan ajandaan jarri bosona seenaniifuu ajandaa Oromootii miti.
''Gaafa Oromoo cunqursaa jalaa mataa olqabatu shaffaxuun ajandaa Oromoo ta'uu waan hin dandeenyeef jechuudha.
Jarri waliin mari'atame suni ajandaa bocamee itti kenname ajandaa ormaa raawwachiisu malee abbbaa dhimmaa waan hin taaneef dubbii fixuu hin dandeeye."
"Sababni inni lammaffaan warri bosona seene kuni yaada mo'ataa ofharkaa waan hin qabneef uummata shororkeessuu, ajjeesuu malee yaada gabaatti dhiheessinee moo'uu hin dandeenyu jedhee warri yaadu karaa kana filachuu isaanitiini," jedhan.
Ajandaan qaamni hidhatee bosona jiru kuni qabatee socho'u ajandaa qaaman biraa ta'uu isaatiif mootummaan ragaa qabaachuus eeru Obbo Taayyeen.
Hojii Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu kanaaf haala siyaasa keessa turamerraa ka'uun sossobbii keessa yeroon kennameeti malee mootummaadhaaf waan kana karaatti galchuun waan dadhabamutti yaadamu akka hin taanes himan.
"Mootummaan gaafa harka laaffisee mariidhaaf bakka kennu, akka waan mootummaan hin jirree ta'e. ji'a jaha keessatti mootummaan nikufa sadarkaa jedhutti yaaduu gahe. Garuu dubbiinsaa dadhabbiirraa miti.mootummaan hin dadhaba wanti jedhu yaada dogogoraati," jedhan.
Uummanni naannoo Sanaa rakkoon kuni akka furamuuf gaafachaa fi tumsa kan jedhan Obbo Taayyee, ammas rakkoo kana hojii furuutu hojjetamaa jira jedhan.
Jimaata darberraa eegalee tajaajilli bilbilaa fi interneetii lixa Oromiyaatti adda cite garuu tarkaanfii fudhatamaa jiru waliin hidhata qabaachuu fi dhiisuu isaa odeefannoo akka hin qabnes himan.
Ajajaa zoonii Lixaa Jaal Marroo waliin mootummaan marii taasisuuf yaaleeraa? jennee kan gaafanneefis, mootummaan waraana Bosona jiru osoo hin taane shiftaa ta'uutti beeka jedhu.
"Warri duraan waraana keenya jedhu(AB0)'n keenyaa miti jedhanii jiru. ABO waliin haasofnee isaan akka waraana bosonaa hin qabneefii karaa nagaatiin qabsaa'an nutti himan. Kanaa achitti shiftaa nama ajjeesutu jira malee qaamni waliin mari'atan hin jiru. Shiftaa hunda waliinimmoo mari'atanii hin dandahamu loojikiin akkanaas hin jiru," jedhan.
Mootummaan erga lixa Oromiyaatti ol’aantummaan seeraa nimirkanaa’a jechuu eegalee waggaa tokko darbe kanatti uummanni naannoo sana jiraatu miidhaa hammaataa keessa jiraachuutu himama.
Mootummaan hojii nageenya uummataa tiksuu kana yeroo gabaabaatti xumura jedhu Obbo Taayyeen, "rakkoon kuni jalqaba babal'atee hanga Buraayyuutti gahee ture.
Propogaandaan lafa balleessee lafa hunda uwwisee ture. Amma garuu waan hunduu bakkatti galaa deemee lafa xiqqootti dhufee jira.kunis yeroo gabaabaa keessatti karaa qabata. Wanti nama yaaddessu hin jiru," jedhan.

Maddi:BBC Afaan Oromoo

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa