Siyaasa hin beekneen shira yaadaa oola!

Hanqina bataskaanaa qabnaa?
Finfinnee/Addis Ababaa Amajjii 28/2012(TW)

Demokraasiin akka nama dhabsiisaa edaa?Sababa demookraasiitiin akka dhabuudhaan lubbuun akka dhabamuufi qabeenyi akka manca’u taasisuun maalif laata?Barana Namamoo biyyatu maraate?
Akka waan hanqina bataskaanaatiin namni rakkatee jiruutti akka yaadamu maalif barbaadama?Amma Magaalaa Finfinnee keessa hanqina bataskaana amantaa Ortodooksiitu jiramoo kanaan da’eeffachuun siyaasa hojjechuutu rakkoo fidaa jiraa?Waan halkan dheengaddaa Finneetti mudatetu kana najichisiise.
Dhimmi amantaa kamiiyyuu tuqamuun hawaasa fincilaaf akka kakaasu sirritti beekama.Kanammoo humnoonni siyaasaa irra deddeebi’uun itti fayyadamuuf yaalaniiru,iddoo baay’eetti hin milkoofneef.
Kan tibbana Finfinneetti yaalame waan gara naannooleetti yaalamaa turee galma hin geenye kana mee Finfinnee tanatti yaallee takka haa bobboreessinu jechuudhaan akka yaalan shakkiin hin jiru.Ummanni waan kana sirritti waan hubateef callise.
Dhimma amantaa Ortoodooksiitti da’eeffachuudhaan Finfinnee jeequun hin danda’amu!Kasaartoonni siyaasaa kanaan abdii kutadhaa!
Sabaafi saba walitti buusuuf yaalame ni callifame,Amantaafi amantaa walitti buusuuf yaalame ni callifame.Amma ammoo iddoo bataskaanaatiin jeeqamsa kaasuuf yaalamaa jira.Roorrifni bu’aa siyaasaa adeemsa hin taaneen argachuuf roorrifamaa jiru kun dhaabbachuu qaba!Ol’aantummaa seeraa kabajisiisuuf carraaqqii mootummaan taasisaa jiru maddii hiriiruun dirqama lammii Nagaa barbaadu hundaa ta’uu qaba!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman