Yaada Moo'ataa

Finfinnee/Addis Ababaa Amajjii 28/2012(TW)
Yaada Moo'ataa utuu hin qabaatin fulduratti deemuun hin danda'amu.Akka nama dhuunfaattis ta'e akka gareetti ykn. akka ijaaramaaatti yaada moo'ataa qabaachuun dirqamadha.Yaada moo'ataa utuu hin qabaatin hurufarra burraaquun gatii hin qabu.
Yaada moo'ataa yoo qabaatte humni sifuuldura dhaabbachuu danda'u tokkollee jiraachuu hin danda'u.

Yaadi moo'ataan yoomillee injifataadha.Humnoonni yaada moo'ataa hin qabne humna yaada moo'ataa qabu injifachuu hin danda'an.Yaada ittiin moo'atan waan hin qabneef moo'achuu hin danda'an.Waan hin dandeenyeefis arrabsoofi qeequutti fiigan.
Waan kana sochii paartileen siyaasaa amma biyya keenyatti taasisaa jiran wajjin wal bira qabnee ilaaluufi xinxaluun barbaachisaadha.
Siyaasa amma jiruun paartiin yaada moo'ataa qabuufi mira afarsuurraa bilisa ta'e isa kami?Kamtu egeree biyyaatiif waan ta'u of harkaa qaba? Paartii kamtu mirgooleefi faayidaawwan ummattootaa kabajisiisuu danda'a?jechuun gaafachuun dirqama lammummaati!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman