Hidha Abbayyaatti guutinsi bishaanii marsaa jalqabaa xummurameera

Finfinnee,Adoolessa 15/2012(TW) Hojiin Hidha haaromsaatti bishaan guutuu kan marsaa duraa akka xummurame qaamoleen gara garaa mirkaneessaa jiru
Ameerikaatti Ambaasaaddar Itiyoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan jiran Ambaasaaddar Fitsum Araggaa fuula Tuwiitara isaaniirratti baga gammaddan! jechuun dhaamsa dabarsaniin hojiin torban lamaan darban hidha Abbayyaatti bishaan guutuu akka raawwatame mirkaneessaniiru.
Ambaasaaddar Fitsum akka jedhanitti gutiinsa bishaanii waggaa jalqabaa kanaan hidhi haaromsaa bishaan guutee irraan dhngala'aa jira.
Waajjirri muummicha ministiraas odeeffannoo miidiyaawwan adda addaatiif kenneen hojiin hidha haaromsaa bishaan guutuu  haala milkaa'aadhaan akka xummurame mirkaneesseera.
Miidiyaawwan Tigraay gamasaaniitiin Hidhi haaromsaa bishaan hin guutamne,karoorri torban lama keesatti bishaan guunna jechuun qabames hojiirra hin oolle jechuun gabaasaa kan jiran yammuu ta'u qondaaltoonni Naannoo Tigraay kan taayitaa irraa ari'amnii baqatanii Maqalee jiran irra deddeebiidhaan muummichi ministiraa Dr. Abiyyi Ahmad Hidha haaromsaa gurgurataniiru jechuun akka ololaa jiran beekmaadha.


የድል ብስራት! ዐባይ ወንዝ ነበር ተገርቶ ወንዝም ሀይቅም ሆነ። ከእንግዲህ በወንዝነቱ ይፈሳል። በሀይቅነቱ ኢትዮጵያ ለፈለገችው ልማት ሁሉ ለመዋል እጅ ሰጥቷል።እውነትም ዐባይ የእኛ ሆነ !!Ergaa ministirri dhimma alaa obbo Gadduu Andaargaachaw fuula tuwiitaraa isaaniirratti har'a ganama barreessanidha.Ruusiyaatti Ambaasaadda Itiyoophiyaa kan ta'an Ambaasaadr Alamaayyoo Taganuu ammoo ergaa obbo Gadduu kana erga dubbisanii booda "Abbayya harka kennate" jechuun ergaa obbo Gadduu kana hordoftootasaaniitiif qoodaniiru

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman