Imaanaa ulfaataa ummata biyyasaa jaalatuun kenname!
Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa bara 2012 keessa adeemsifamuu qabu sababa tamsa’ina vaayirasii koronaafi kanneen birootiin gara bara 2013’tti akka darbu taasisuudhaan filannichi waxabajjii 14 bara 2013 haala mikaa’aa ta’een adeemsifameera.Iddoowwan sababa adda addaatiin hawaasni bakka bu’ootasaa itti hinfilannettis Qaammee 01/2013 adeemsisuuf Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa karoorfatee hojjechaa akka jiru nibeekama.Filannichi barana akka adeemsifamuuf hojiin hunda amansiisuu gahaan dursuudhaan waan hojjetameef hawaasniifi qaamoleen gara garaa filannichi sababa quubsaadhaan akka darbu taasifamuu isaarratti hagana mara garaa garummaan waan jiru hinfakkaatu.Morkattoonni tokko tokko garuu seenuudhaan adeemsa filannoo erga eegalanii booda akka keessaa ba’anis nibeekama.
Murteen adeemsa erga eegalanii booda filannicha keessaa ba’uu kun Koongransii Federaalistii Oromoofi morkattoota tokko tokko biratti qabatamaan mul’chuudhaan darbeera.KFO’n filannoo baranaa kanatti naamusa gaariidhaan utuu hirmaatee nifayyadama malee hinmiidhamu ture.Murtee dogongoraa dabarsuudhaan miseensotaafi deeggartoota paartichaa kan mufachiisan hooggantoota paartichaati waan ta’aniif bu’aa dhabameef isaanumti itti gaafatamuu qabu.Dhimma murtee KFO kana irratti yeroo biroon itti deebi’a.
Egaa Yeroon filannoo dheeratee baatiin lakkaa’amaa turus guyyaan sagaleen filattootaa itti kennamu beellamasaatiin dhufuudhaan waxabajjii 14 bara 2013 Magaalotaafi Naannolee irra jiraa biyya keenyaa keessatti filannoon waliigalaa milkaa’inaan adeemsifameera.Bu’aan filannoo ummataa kun qaama dhimmi isa ilaallatu Boordii Filannoo Itiyoophiyaatiin yeroo yerootti jala jalaan ummataaf ibsamaa jira.
Akkaataa bu’aa filannoo baranaa walitti qabduu boordichaa Birtukaan Miidhagsaatiin ibsamaa jiruun dhimmichi sababa adda addaatiin walxaxaa ta’uun duubatti harkifateera.Seerri akka jedhutti Boordichi turtii guyyoota kudhanii booda bu’aa yeroo ibsuu qaba ture.Akka hooggansi boordichaa jechaa jirutti iddoowwan gara garaatti lakkoofsi sagalee waan hinxummuramneef,sababa rakkoo geejibaatiinis sagalee iddoo hundumaa walitti fiduudhaan hanga yoonaatti ifoomsuun hindanda’mne.
Gama Kanaan haalli jiru kan duubatti harkifate ta’us filannoon baranaa hawaasa dabalatee qaamolee gara garaatiin dinqisiifnnaa ol’aanaa argateera.Guyyaa sagaleen itti kenname filattoonni ganamaan manaa ba’anii sagalee kenninu malee hindeemunu jechuudhaan guyyaa guutuu hiriira irra oolan.Hanga galgala keessaa sa’aatii 12’tti kan sagalee kennuu hindandeenye filattoonni hedduun hiriira irra akka jiran waan mirkanaa’eef boordiin filannoo murtee hatattamaa dabarsuuf dirqame.Akkaataa murtee boordichaatiin waxabajjii 14 bara 2013 hanga galgala keessaa sa’aatii sadiitti sagaleen filattootaa akka kennamuuf hayyamame.Odeeffannoowwan booda irra dhaga’aman ammoo filattoonni hanga halkan keessaa sa’aatii 5’tti turuudhaan sagalee fuulduroo biyyasaanii murteessuuf gargaaru kennuu danda’aniiru.
Haalli kun sababa adda addaatiin kan uumame akka ta’e tilmaamuun rakkisaa hinta’u.Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa dhimma kana gara fuulduraatti xiinxalee qorachuudhaan hojmaatasaa sirreessuufi si’eessuuf muuxannoo irraa argata jedhamee eegama.
Buufatawwan filannoo irra jiraa keessatti sagalee kennuun kan eegalame ganama keessaa sa’aatii 12 irratti ta’us buufatawwan filannoo tokko tokkotti sababa hanqina raawwachiiftoota filannoofi dhiyeessii meeshaalee filannootiin sagalee kennuun kan eegalame barfachuudhaan akka ta’e boordichi odeeffannoo Kanaan dura kenneen mirkaneesseera.Boordichi sa’aatii sagaleen itti kennamu dabaluuf kan dirqames sababuma Kanaan akka ta’e nibeekama.
Hundumaafuu iddoowwan irra jiraatti filannichi karaa nagayaatiin adeemsifamuudhaan xumurameera.Naamusni filattoonni obsa hineegamne mul’isuudhaan bakka bu’ootasaanii ittiin filatanis qaamolee adda addaatiin dinqisiifatameera.Ummanni Itiyoophiyaa duruu ummata naamusa gaarii qabudha.Kanneen jeeqan lakkoofisaanii muraasadha.Naamusni ummata bal’aa kun ammoo muraasota fedhii jeequmsaa qaban adabachiiseera.Ummata kana dura maaltu dhaabbachuu danda’aa?Ummata tokko ta’eefi naamusa gaarii qabu kana dura dhaabbachuuf humni onnachuu danda’u gonkumaa hinjiru!
Kanaaf humnoonni adeemsa filannichaa jeequudhaan fedhii keenya guuttanna jechuudhaan karoorfatanii socho’aa turan kutannoo ummanni bal’aan qabu erga hubatanii booda mataa gadi qabachuuf dirqaman.Humnoonni kun iddoo tokko tokkotti waan yaadan yaaluun isaanii hin oolle.Akka fakkeenyaatti kan eeramuu danda’u yaalii godina shawaa lixaafi Naannoo Amaaraa iddoowwan adda addaatti taasisanidha.
Qaamoleen mootummaa keessumattuu poolisiin Federaalaa odeeffannoo kenneen akka mirkaneessetti gareen shororkeessaan ABO shanee jedhamu godina Shawaa lixaatti filannicha gufachiisuuf dhukaasa banuudhaan jeeqamsa uumuuf yaalii taasiseera.Kaayyoon garee kanaa milkaa’uu hindandeenye.Buufata filannoo jeeqamsa uumuuf yaaliin itti taasifame kanattis ummanni bakka bu’ootasaa filachuu danda’eera.Filannoon Qaammee 1/2013 iddoowwan adda addaatti adeemsifamus milkaa’inaan akka xumuramu abdii guddaatu jira.Kan iddoo baay’ee milkaa’aniin xumuramnaan kan iddoowwan muraasaa rakkisaa ta’uu akka hindandeenye ni amanama.
Waa’ee dhimma Imaanaa ummata bal’aa biyyasaa jaalatuun kennamee haa ilaallu.Ummnni Itiyoophiyaa Nagaa jaalata.Nagaa waan jaalatuuf qaama nagaasaa eegsisuufii danda’u filate.Ummanni Itiyoophiyaa hiyyummaa keessaa ba’uu barbaada,kanumaaf jecha paartii hojjetee hojjechiisuudhaan biyya hiyyummaa keessaa baasuuf mul’ata qabu filate.Ummanni Itiyoophiyaa walqoodumsa hinbarbaadu.Kanumaaf jechaa paartii garaa garummaa eenyummaa,garaa garummaa amantaafi garaa garummaa ilaalchaa kabajee kabajisiisuudhaan isa bulchuu danda’u filate.Murtee dhugaa Ummanni Itiyoophiyaa kutannoodhaan dabarse kana sababa adda addaa uumuudhaan dura dhaabbachuun hindanda’amu.
Hanga yoonaatti paartiin sagalee caalmaa argachuudhaan filannichaan moo’ate adda ba’ee boordii filannoo Itiyoophiyaatiin ibsamuu baatus muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad haasawa waltajjii tokko irratti taasisaniin akka jedhanitti filannichaan paartileen morkattoonni hedduun mana marii bakka bu’ootaa keessa akka seenaniif fedhii ol’aanaan jiraatullee hirmaannaan miseensota mana marii bakka bu’ootaa buburree ta’uu hindandeenye.Kana jechuun maal jechuu akka ta’e nibeekama.
Filannoon baranaa dhimma filuufi filatamuu qofa utuu hintaane dhimma biyya teenya Itiyoophiyaa itti fufsiisuuti jedhamaa ture.Ergaan guddaan kun filattoota miliyoonaan lakkaa’aman biratti fudhatama argateera.Biyya miidhagaduu qabnu dhabuu hinfeenu jechuudhaan filattoonni murtee seenaa qabeessa murteessan miliyoona hedduudha.Paartii sagalee ol’aanaa argateef imaanaa ulfaataatu ummata bal’aa biyyasaa jaalatuun kennameef.Dhimma kana gadi fageenyaan ilaaluudhaan ammuma irraa eegaluun tarsiimoo ummanni bal’aan gama hundumaanuu fayyadamaa ta’uu ittiin danda’u qopheessuun barbaachisaadha.Dhimmooleen adda durummaan xiyyeeffannoo duraa argachuu qabanis kanneen armaan gaditti tarreeffamanidha.
1ffaa.Rakkoo qaala’iinsa gatii furmaata barbaaduu.Rakkoo qaala’iinsa gatii omishawwan gara garaatiin ummanni bal’aan dararamaa jira.Omishitummaa dabaluudhaan rakkoon qaala’iinsa gatii suukaneessaa ta’aa jiru fala waaraa akka argatu taasisuun xiyyeeffannoo duraati.Keessumattuu omishitummaan midhaan nyaataa xiyyeeffannoo guddaa barbaada.Qonnaan bulaan gannaa-bona akka omishuuf carraaqqiin eegalame finiinee itti fufuu qaba
2ffaa.Rakkoo hojii dhabdummaa furmaata barbaadu.Biyya keenyatti rakkoon hojii dhabdummaa hiddasaa waan gadi fageeffate fakkaata.Wayyaaneen wayita biyya bulchaa turteetti of fayyadaa turte malee ummata fayyaduu hindandeenye.Barattoonni waggaa waggaadhaan dhaabbilee barnoota ol’aanaa irraa dameewwan ogummaa gara garaatiin eebbifaman carraa hojii utuu hinargatin waggoonni lakkaa’amaniiru.Mootummaan jijjiiramaa erga biyya hoogganuu eegalee asitti hanga tokko dhimma rakkoo hojii dhabdummaa kana irratt xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuun kan hojjechaa jiru ta’us hojiin hojjetamaa jiru hammentaa baay’ina hojii dhabaa jiru wajjin kan walsimudha jechuun hindanda’amu.Kanaafi lammiidhaaf haal-duree tokko malee carraa hojii uumuun dirqama paartii ummata bal’aadhaan filatamee ta’a.
3ffaa.Nagaafi tasgabbiin amansiisaa akka ta’uuf hojjechuu.Dhimmi nagaa mirkaneessuufi amansiisaa taasisuu hirmaannaa ummata bal’aa kan barbaadudha.Rakkoon gama Kanaan jiru furmaata waaraa akka argatuuf sosochii ummataa uumuun barbaachisaadha.’Mukni tokko qofaa hinbobaa’u’jedha Oromoon yoo mammaaku.Qaamoleen tasagbbii mootummaa qofaan waan socho’aniif nagaan mirkanaa’uu hindanda’u.Wanti ummata bal’aa jalaa dhokachuu danda’u waan hinjirreef Nagaan amansiisaaniifi itti fufiinsa qabu akka jiraatuuf hirmaannaan ummata bal’aa akka mirkanaa’u taasisuun waan filmaata gara biraa hinqabnedha.
4ffaa.Rakkoo malaammaltummaa dhabamsiisuu.Malaammaltummaan maallaqa hatuu qofa miti.Sa’aatii hojii mootummaa qisaasessuunis malaammaltummaadha.Gochoota malaammaltummaa gadii hanga olii jiran irratti duulli akka adeemsifamu taasisuun barbaachisaadha.Paartiin biyya bulchuuf dhufaa jiru kallattii Kanaan socho’ee ummata bal’aas sochoosuu yoo danda’e hattoonni mataa gadi qabatu,dhawaataanis badaa deemu.Kanaaf dhimmi qabsoo farra malaammaltummaa finiinsuus xiyyeeffannoo paartii ummata bal’aadhaan filatamee dhufaa jiruu ta’uu qaba.Muraasumaan dhimmoota kanaaf xiyyeffannoon kennamee yoo hojjetame fedhiin ummata bal’aa guutaa deema amantaa jedhun qaba.Yaada akka lammiitti qabun gumaache.’Waan qabu kan kenne dhoqna hinjedhamu’.Nagaatti!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ