Salphina Shaabiyaan Haguuggate
Mootummaan Shaabiyaa abbaa irree Isaayyaas Afawarqiitiin durfamu Itiyoophiyaa jeequuf carraaqaa tureera.Isaayyaasiif waggoota darban keessa wanti yaade hundi hin milkoofneef. Kan dhiyeenya kana mudateen ammoo salphina ol’aanaa akka haguuggatu dirqamsiiseeraani. Mollaa Asgadoomtu Isaayyaasitti roorrisemoo Isaayyaastu Itiyoophiyaatti roorrisiree laata? Hoogganaan Shaabiyaa Isaayyas Afarwarqii amma dulloomeera.Miidhaan inni geessisuu danda’u tokkollee hin jiru,Ummanniifi caasaan isaas isa ganaa jira. “Yaa baallee sarariitii-Namni yertuun Nama miiti” akkuma weellisaan jedhe sana garuu of eeggannoo barbaachisaa taasisuutu wayya. Shaabiyaan abdii kutateera.Kan abdii kutate ammoo gocha badii raawwachuu irraa duubatti hin deebi’u. Isaayyaas mormitoota Itiyoophiyaa kan akka ABO,Ginboot 7fi kanneen fakkaatan walitti qabee Itiyoophiyaa unkuruuf baay’ee wixiffateera.Karoorrisaa isaa abjuu ta’uutu jalaa hafe malee. Murtee seena qabeessa gareen Mollaa Asga