Ramaddiin barattootaa dhaabbilee baruumsa ol'aanaa- bara 2008 ifoomsame



Ramaddiin barattootaa haaraa bara 2008itti dhaabbilee barnoota ol'aanaa seenanii har'a ifoomsameeera.


Ejensiin madaalli Barnootaa fi Qormaatilee Biyyaalessaa akka ifoomsetti, har’a sa’aatii saddeeetii jalqabee barattoonni yuunivarsitii itti ramadaman fuula weeb saayitii ejensichaa fi ergaa  barreeffamaa gabaabaan bilisaan ilaaluu ni danda’u.

Haala kanaan barattoonni weeb saayitii ejensichaa www.nae.gov.et seenuun fi bilbila mobaayiliidhaan 8181 irratti rtw barreessuun sana boodas bakka gidduutti dhiisanii lakkoofsa addaa qormaatasaanii barreessuun ergaa erguun yuunivarsitii itti ramadaman baruu akka danda’an ibsameera.

Qormaata dhaabbilee barnoota ol'aanaa ittiin seenamu kan fudhatan keessaa barattoonni kuma 100fi kuma 24fi 227 qabxii isaan dabarsu argachuusaanii kan beeksise ejensichi, qabxii isaan dabrsu kan argatan keessaa kuma  86fi 958 damee Saayinsii Uumamaa, barattoonni kuma 37fi 268 ammoo Saayinsii Hawaasummaa irratti ramadamuusaanii ejensichi eereera.

Ramaddiin kun 40% naannootti yammuu ta’u, 60% ammoo naannoon ala ta’uudha ejensichi kan beeksise.

Hirmaannaan shamarraniis 42% ta’uudha kan hime.

Barattoonni kuma 2fi 500 damee barnoota Medisinii irratti kan ramadaman yammuu ta’u, damichatti seenuuf dhiirootaaf 504, shamarraniif ammoo 484 akka ta’uuf murtaa’eera.

Qabxiin Qorumsa Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 02 bra 2007tti kenname kanaa dursee Adoolessa 20, 2007 ifoomsamuunsaa kan yaadatamudha.


Kanneen qoraman keessaa 45.3% kan ga’an jechuunis barattoonni kuma 93fi 400 ol  qabxii 350 fi isaa ol fiduusaanii odeeffannoon ejensichi kenne ni ibsa.
Qabxiin ol'aanaan Barnoota Ol'aanaa baranaas 649 ta’ee galmaa’eera.

Barttoonni 57 qabxii 600 ol kan galmeessisan yammuu ta’u, yuunivarsitoota mootummaa seenuuf idilee, guyyaa fi galgalaan Saayinsii Uumamaa dhiirotaaf 343 fi isaa ol, shamarraniif 320 fi isaa ol akka ta’u murtaa’uunsaa kan yaadatamudha.

Dhuunfaan kan qoramaniif ammoo dhiirotaaf 353 fi isaa ol, shamarraniif ammoo 331 fi isaa ol ta’uunsaa hin-dagatamu.

Naannolee guddataa jiranii fi barattoota naannoo horsiisee bulaatiif dhiirotaaf 332 fi isaa ol yammuu ta’u, shamarraniif ammoo 317 fi isaa olidha.

Odeeffannoo Ministeerri Barnootaa torban darbe ifoomseen yuunivarsitoonni hundi Fulbaana 21 - 25, 2008itti barattoota haarawaa simatanii qophii barsiisa duraatti akka seenan waamichi dhihaateera


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman