Salphina Shaabiyaan Haguuggate



Mootummaan Shaabiyaa abbaa irree Isaayyaas Afawarqiitiin durfamu Itiyoophiyaa jeequuf carraaqaa tureera.Isaayyaasiif waggoota darban keessa wanti yaade hundi hin milkoofneef.


Kan dhiyeenya kana mudateen ammoo salphina ol’aanaa akka haguuggatu dirqamsiiseeraani.

Mollaa Asgadoomtu Isaayyaasitti roorrisemoo Isaayyaastu Itiyoophiyaatti roorrisiree laata?


Hoogganaan Shaabiyaa Isaayyas Afarwarqii amma dulloomeera.Miidhaan inni geessisuu danda’u tokkollee hin jiru,Ummanniifi caasaan isaas isa ganaa jira.

“Yaa baallee sarariitii-Namni yertuun Nama miiti” akkuma weellisaan jedhe sana garuu of eeggannoo barbaachisaa taasisuutu wayya.

Shaabiyaan abdii kutateera.Kan abdii kutate ammoo gocha badii raawwachuu irraa duubatti hin deebi’u.

Isaayyaas mormitoota Itiyoophiyaa kan akka ABO,Ginboot 7fi kanneen fakkaatan walitti qabee Itiyoophiyaa unkuruuf  baay’ee wixiffateera.Karoorrisaa isaa abjuu ta’uutu jalaa hafe malee.

Murtee seena qabeessa gareen Mollaa Asgadoom murteesseen  karoorri Shaabiyaa hundumtuu fashalaa’eera.

Haa ta’uutii ammas Shaabiyaan of tuultoota,dhiphootaafi mankaraarsitoota abdii kutatan qabachuudhaan wixiffachuunsaa hin oolu.Kanaaf ammoo raayyaan ittisa Itiyoophiyaa gootichi jira.Misoomniifi badhaadhinni Itiyoophiyaatis cimee kan itti fufu ta’a.Amma xiyyeeffannoon keenya balaan hoongee lammiiwwan keenya akka hin miineefi hammentaan omishaa akka dabalu taasisuudha.

Kanaaf ammoo lammiin misoomaafi guddina biyyaatiif quuqamu hundi oduu jette jettee irraa fagaachuun shoora gamasaa gumaachuun dhimma murteessaadha.Dhiisaa odeessitoota!







አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman