Ergaa Ayyaana Iid alfaxiir I/A/Pi/M/N/Oromiyaa

Hawaasa musliimaa maraan baga ayyaana sooma hiikkaa/ id al faxiiriin nagayaan isin gahe.
Idal fixriin guyyaa gammachuu guyyaa maatii ollaa fi firaa wajjiin akkasumaas guyyaa waan qabanirraa qoodanii hiyyeessaa waliin jaalalaaf gammachuun dabarsan, guyyaa kan rakkateef dhaqqaban,kan dhibameef aafiyaa, dhala namaa maraaf waan gaarii hawwuudhaan baga ittiin nu gahe waliin jedhaniidha.
Ji’aan Ramadaanaa baranaa ammo Ji’aa Jaalalli diiniin islaamummaa itti dhugoome miidhaginni, rakkoon majilisaa hiikkatee karaa qabatee tokkummaa fi gamtaan obbolaa keenya itti mirkanaawe, islaamummaan nageenya, islaamummaan kan walitti muufale afooyitulellaah jadhee ittiin walitti araaramu, islaamummaan qabbanaa fi miidhagina, jaalalaa fi kabajni dhala namaaf qabnu, jaalalli obbolummaa firaa fi ollaa qabnu gochaan miidhagee itti mullatee darbeedha.
Keessattuu Jaalalaa fi hammachuun obbolaa keenya naannoolee Ollaa waliin qabnu akkaataa diiniin islaamummaa ajajuun waliin hafxiraa tokkoon keenya isa biraaf irkoof dagalee tahuu keenya itti dhugoome, kan sheeyixaanni diigumsaa itti hidhamee maleeyikaan jaalalaa itti mullateedha.
Kana malees duudhaan waliin jireenyaa fi wal danda’uu amantaalee xurii jibbaafi qa’ee qulqulleessuun tokkummaan keenya akka haaraatti ifee itti mullate ta’ee darbee jira.

Qeerroofi qarreen amantaa hundaa jalabultii iidaa dirree salaataa qulqulleessuun tokkumaa,jaalala, waliin jireenya keenya miidagsee mullateef Carraa kanaan hawaasa keenya musliimaa jaala qulqullummaa amantaalee hundaa fi sabaaf sablammoota naannoo keenya keessa jiraniif jaalala onneerraa madde garsiiftaniif maqaa koo fi maqaa mootummaa naannoo oromiyaatiin irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada.
Turtiin ramadaanaa ji’aa tokkoo duudhaa islaamummaarraa baranne wal jaalalaa fi wal dhaggeeffachuun akkasumaas tokkummaa keenya cimsanne Oromiyaa waan hundaan guddattee fi badhaate ijaruuf imalli eegalle yeroo gabaabatti akka milkanaawu kan nutti garsiise qofa otoo hin tahin diina sababii adda addaa uumuun nu gufachiisuu yaadu kan qaaneessee fi abjuu diigumsaa akka lamuu hin kaanetti kan awwaalee dabreedha.
Kanaaf Irra deebi’ee baga guyyaa ayyaana eebbifamaa Kanaan nu gahe jechaa duudhaa aadaa fi amantaan arganne kana jabeeffannee, yeroo itti aanutti Oromiyaa waa hundaan guddatte ijaaruuf kan hoojjanne kunuunfachaa hojii haaraa biraa dhaloota boruuf tahu hoojjechuuf mariif marabbaan qindoofnee kan itti sochoonu akka nuuf tahuun hawwa.
Oromoon diinagdeen akka guddatu karoorri carraa hojii uumuu qabanne akka milkaawu, Oromiyaa jiituuf magariituu maqaan malee gochaan garsiisuun kunuunsa naannoof xiyyeeffannoo kennameen biqiltuu dhaabuu fi akka daa’ima ofiitti kunuunsuu, nageenyi naannoo keenyaa amansiisaa tahee ol’aantummaan seeraa akka kabajamu ammaas tumsi hawaasa keenyaa cimuu qaba.
Torbee dhufu keessa akka Naannoo Oromiyaatti barattoonni kutaa 8ffaa ,10ffaa fi kutaa 12ffaa miliyoona 1 ol ta’an wal duraa duubaan qorumsa ni fudhatu, dhaloonni heegaree Oromiyaa beekkomsaan ceesisan akka milkaa’an ummanni keenya yaadaaf qalbiin bira dhaabbachuuniis tahe qoruumsichi karaa milkaa’aa ta’een akka xumuramu ga’ee keenya yaa gumaachinu.

Yeroon itti aanu yeroo gannaati gama tokkoon yeroo qonnaa yoo tahu gama biraan yeroo sababii rooba gannaa waliin wal qabatee dhibeewwan adda addaa itti ka’an waan taheef hoomishaaf hoomishtummaa keenya guddisuuf yeroo keenya hunda hojiin dabarsuun akkanumaas qulqullina dhunfaa fi naannoo keenyaas eeggachaa hawaasa fayya buleessa horachuuf yeroo itti wal dadammaqsinu akka nuuf tahuun hawwa.
Duudhaa amantaan gonfanne fayyadamnee halkanii fi guyyaa hoojjannee Oromiyaa waa hundaan guddattee fi badhaate ni iyaarra, Tokkummaa keenyaan Itoophiyaa haaraa ni utubna.
Iid Mubaarak!

Obbo Shimallis Abdiisaa I/A/Pir/M/N/Oromiyaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman