Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa ta'a

Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteesse jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad.
Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad dubbatan.
Walitti makamuu Paartilee ADWUI tiin, waa’ee Paartii haaraa hunda’e ilaalchisee, Dr.Abiyyi Ahimad fuula feesbuukii isaanii irratti odeeffannoo kennaniiru.

Haaluma kanaan gaaffiin Oromoo ammas kan deebi’e akkuma jiru, fuuldurattis paartiin Badhaadhinaa gaaffii Oromoo deebisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjeta jedhan Dr.Abiyyi.
Keessumaayyuu gaaffii diinagdee ummanni Oromoo qabu deebisuuf, Oromoo fi miseensonni, milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf, tumsa gochuu akka qaban Dr.Abiyyi waamicha dhiheessan.
Guyyoota sadiif paartiin isaanii mariirra kan ture yoo ta’u, murtoowwan gurguddoos dabarsee jira jedhan.
Bu’uuruma kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteessee jira.
Kanamalees paartii keessattis ta’ee, kan mootummaa keessatti hunduu akkaataa baayyina ummata isaatiin akka hirmaachuu qabus murteessera jedhan.

Kun immoo dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa qaba jedhan.
Kanaaf gaaffii bara dheeraa ummanni Oromoo qabu tartiibaan deebisuuf hojjetaa kan jirru waan ta’eef, ummanni Oromoo Tokkummaa fi Nageenya isaa eeggachuun nu cinaa dhaabbatee injifannoo amma argame akka ceesisnuuf waamichan dhiheessa jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad.
Paartiin Badhaadhinaa gama diinagdee qofaan osoo hin taane, kabajaan, bilisummaan akkasumas badhaadhummaa dam-daneessa Itiyoophiyaa keessatti dhugoomsuu akka danda’uuf, humnoonni faffaca’anii jiran walitti sassaabamuudhaan gurmuun dhaabbannee biyya Itiyoophiyaa geggeessuuf murteessuun keenya murtoo guddaadha jedhaniiru Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa