ልጥፎች

ከማርች, 2020 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Qormaatni nuti ida'amnee hin ceene, gidiraan waltaanee hin dabarre hin jiru-Muummicha ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad

ምስል
Bitootessa 11/2012  Qormaatni nuti ida'amnee hin ceene, gidiraan waltaanee hin dabarre hin jiru. Gootonni ogeeyyii fayyaa keenya uummata gidiraa irraa baraaruuf aarsaa hedduu kanfalaniiru. Addoota waraanaa hundattis Raayyaa Ittisaa keenya cina hiriiranii daangaa keenya eegsisuufi birmadummaa keenya mirkaneessuuf lubbuu isaanii kennaniiru. Qajeeltoo "nuti fayyaa akka taanu hundi fayyaa haa ta'u" jedhuun wayita weerara Iboolaa, biyyaafi uummata bakka bu'uun ogeeyyiin fayyaa 150 ol gara Diimokraatik Koongootti imaluudhaan obbolaa keenya Afrikaa tajaajilanii injifannoodhaan deeb'uun isaanii yaadannoo keenya yeroo dhihooti. Qormaatni nuti ida'amnee hin ceene, gidiraan waltaanee hin dabarre hin jiru. Duula ittisa Koronaavaayirasii akka biyyaatti jalqabameen ogeeyyiin fayyaa keenya adda durummaadhaan hiriiranii hojii boonsaa hammaa ammaatti raawwataniif maqaakoofi maqaa Mootummaa Federaalaatiin galata guddaan dhiyeessa. Hamma qorumsicha injifannoodhaan bah...

Ibsa ABO ilaaalchisee,Maal haabaasuuf dhama raasuu?

ምስል
Finfinnee Bitootessa 10/2012(TW) Hoggansi ABO ol'aanaan dhimmoota adda addaa irratti ibsa kenneera.Ibsi kenname *Miidhaa waggaa tokkoofi walakkaa keessatti ABO muadate *Hidhamuu miseensota ABO *Waa'ee vaayirasii Koronaa(irra diba) *Waa'ee Hidha Abbayyaa(irra diba) *Haala Oromiyaa Lixaafi kibbaa *Waa'ee intarneettii bansiisuufi kanneen fakkaatanidha. Obbo Daawud Ibsaafi Obbo Qajeelaa Mardaasaa ibsi Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatiin walirraa fuudhanii kennan kun kaleessa kenname jedhamus ani har'an hordofuuf carraa argadhe. Koreen jiddu galeessa ABO goyyoota sadiif walgayiirra akka ture ibsa kenname irratti himameera. Ibsa kenname kana irraa akkan hubadhetti carraa argame kamittuu fayyadamuuf carraaqqiin taasifamaa akka jirudha.Fkf.Waa'een Nagaa Oromiyaa lixaafi intarneettii baay'ee dhaadheeffamee dubbatameera.Duulli Intarneettiifi bilbila bansiisuu gareewwan ABO waliin qindaa'an kanneen birootiinis tibbana adeemsifamaa waan jiru fa...

Itiyoophiyaatti miidhamtoonni 9 ga'an

ምስል
Finfinnee Bitootessa 11/2012(TW) Itiyoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayirasiin koranaa dhiigasaanii keessatti argame 9 akka ga'e ministeerri eegumsa fayyaa beeksiseera. Namoonni sadeen dabalataan dhiigasanii keessatti vaayirasiin koranaa argame lama lammiiwwan biyya alaa yammuu ta'an takka dubartii lammii Itiyoophiyaa umuriin waggaa 85 akka ta'an ministeerichi himeera. Dubartiin lammii Itiyoophiyaati jedhaman biyya alaa turanii xummura ba atii Guraandhala darbeerra erga biyyatti deebi'anii booda of eeggannoodhaaf nama irraa adda of baasanii kan turan akka ta'an himameera. Haalli fayyaasaanii amma irratti argaman yaaddessaa akka ta'es odeeffannoon ministeerichi kenne mul'iseera. Lammeen hafan ammoo lammiiwwan Jaappaaniifi Ostiriyaa akka ta'anidha kan himame.   # COVID_19   # Koronaa

Carraaqqiin Vaayirasii koranaa ittisuu haala namoomaa nurraa mulquu hin qabu-waajjira muummicha ministiraa

ምስል
Finfinnee Bitootessa 11/2012(TW) Waajjirri muummicha ministeeraa carraaqqiin vaayirasii koronaa ofirraa ittisuuf taasifnu haala namoomaa akka nurraa hin mulqineefi mirga namoomaa akka hin sarbineef of eeggannoon taasifamuu akka qabu hubachiiseera. Waajjirichi dhimma tamsa’ina Vaayirasii Koranaa COVID-19 irratti hojiin hubannoo gahaa uumuu sadarkaa guutuu biyyaatiin raawwatamaa akka jiruufi vaayirasichi lammii biyya kamiiyyuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu akka hin taane hubachuun akka barbaachisu himeera. Namni hundumtuu vaayirasichaaf saaxilamaa akka ta’e kan mul’ise ibsi waajjirichaa falli rakkoo kanaa qajeelfama ittisaafi of eeggannoo ministeerri eegumsa fayyaa baase qofa hordofuu akka ta’e beeksiseera. Carraaqqiin vaayirasicha ofirraa ittisuuf taasifnu aadaa mirga namoomaa kabajuufi namaaf garaa laafuu qabnu nujalaa balleessuu hin qabu jedheera waajjirichi. Nuti qaama hawaasa idila addunyaa waan taaneef tokkoon tokkoon keenya wal eegna,sodaafi yaaddoon vaayirasii...

Dudhaa Oromoo kabajuun dirqamadha! #Norm

Finfinnee Bitootessa 01/2012(TW) Oromoon Saba hammataadha.Kaan hammachuun ofitti qabanii Oromsiisuun dudhaa guddicha Sabni Oromoo ittiin beekamudha.Faallaa dudhaa kanaa dhaabbachuun ulaagaa kamiiniyyuu fudhatama argachuu hin danda'u. Wanti tibbana ta'eefi irratti dubbatamaa jiru kan balaaleeffatamuu qabudha.Maaltu ta'e? jechuun keessan hin ooluumii? Dilbata darbe kana Guraandhala 29/2012 asuma Finfinneetti paartiin KFO jedhamu guyyaa D ubartootaa addunyaa sababeeffachuun waltajjii marii tokko qopheessee ture.Kun waan jajjabeeffamuu qabudha.Paartichi dhimma Dubartootaa irratti xiyyeeffachuu eegaluunsaa kan deeggaramudha.Gara fuulduraattis daran cimee itti fufuu qaba. Taateen waltajjii KFO kana irratti mudate akkana: Namoota waltajjii kana irratti hirmaatan keessaa carraan dubbachuu Dubartii obboleettii teenya taate takkaaf kenname.Obboleettiin keenya yaada kennuu eegalte.Hubadhaa mariin kun tv OMN'n kallattiidhaan tamsa'aa ture. Obboleettiin keenya yaada ...