Dudhaa Oromoo kabajuun dirqamadha! #Norm
Finfinnee Bitootessa 01/2012(TW) Oromoon Saba hammataadha.Kaan hammachuun ofitti qabanii Oromsiisuun dudhaa guddicha Sabni Oromoo ittiin beekamudha.Faallaa dudhaa kanaa dhaabbachuun ulaagaa kamiiniyyuu fudhatama argachuu hin danda'u.
Wanti tibbana ta'eefi irratti dubbatamaa jiru kan balaaleeffatamuu qabudha.Maaltu ta'e? jechuun keessan hin ooluumii? Dilbata darbe kana Guraandhala 29/2012 asuma Finfinneetti paartiin KFO jedhamu guyyaa Dubartootaa addunyaa sababeeffachuun waltajjii marii tokko qopheessee ture.Kun waan jajjabeeffamuu qabudha.Paartichi dhimma Dubartootaa irratti xiyyeeffachuu eegaluunsaa kan deeggaramudha.Gara fuulduraattis daran cimee itti fufuu qaba.
Taateen waltajjii KFO kana irratti mudate akkana:
Namoota waltajjii kana irratti hirmaatan keessaa carraan dubbachuu Dubartii obboleettii teenya taate takkaaf kenname.Obboleettiin keenya yaada kennuu eegalte.Hubadhaa mariin kun tv OMN'n kallattiidhaan tamsa'aa ture.
Obboleettiin keenya yaada kennuu eegalte."Dhiirri Oromoo niitii saba biraa qabu gaa'elasaa diiguu qaba.Dubartiin Oromoo dhiira saba biraatti heerumtes dhirsashii hiikuu qabdi.Nuti hojii kana hojjechaa jirra.Gara fulduraas ni hojjenna.Dhiirri Oromoo OMN daawwachaa jirtan ana kaadhimachuu dandeessu" jechuun yaadashii ibsatte.
Obboleettiin teenya tun akka mirgaatti yaadashii bilisa taatee ibsachuunshii rakkoo hin qabu.Garuu yaadi akkanaa faallaa dudhaa Saba Oromoo waan ta'eef fudhatama hin qabu.Rakkoo sanyummaatu keessaa calaqqisa.
Akka tv OMN irratti mul'atetti dubartiin kun wayita yaada kana kaaftetti harki dhahamaafii ture.Hoggantoonni paartichaa piroofeesar Mararaa Guddinaafi Obbo Baqqala Garbaafa'i fuula ifuun kolfaa turan.Siyaasa dhaddhabaa keessa jiraachuun kanumaan mul'ata.Bilchinni siyaasaa utuu jiraatee wanti kun yaada hooggantoonni achumatti kennaniin sirraa'a ture.Garuu hin taane.Dogongora guddaadha.Irraa barachuutu barbaachisa.
Sabni biroo Oromoo wajjin walitti makame hedduudhu.Oromoon saba birootti gaa'elaan makames lakkoofsisaa xiqqaa miti.Akka ilaalcha Dubartii sanaatti wanti kun hundi diigamuu qaba jechuudha.Maalif? Bu'aan adeemsa kanaan argamu maali? Sabni Oromoo tarkaanfii dudhaasaantiin ala fudhatsmu kanaan faayidaan argatu jiraa? Deebiin gaaffilee kanaa namoota ilaalcha summaa'aa kanaan laaqaman bira jira.#Oromoo #Ethiopia
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ