Ibsa ABO ilaaalchisee,Maal haabaasuuf dhama raasuu?
Finfinnee Bitootessa 10/2012(TW) Hoggansi ABO ol'aanaan dhimmoota adda addaa irratti ibsa kenneera.Ibsi kenname
*Miidhaa waggaa tokkoofi walakkaa keessatti ABO muadate
*Hidhamuu miseensota ABO
*Waa'ee vaayirasii Koronaa(irra diba)
*Waa'ee Hidha Abbayyaa(irra diba)
*Haala Oromiyaa Lixaafi kibbaa
*Waa'ee intarneettii bansiisuufi kanneen fakkaatanidha.
Obbo Daawud Ibsaafi Obbo Qajeelaa Mardaasaa ibsi Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatiin walirraa fuudhanii kennan kun kaleessa kenname jedhamus ani har'an hordofuuf carraa argadhe.
Koreen jiddu galeessa ABO goyyoota sadiif walgayiirra akka ture ibsa kenname irratti himameera.
Ibsa kenname kana irraa akkan hubadhetti carraa argame kamittuu fayyadamuuf carraaqqiin taasifamaa akka jirudha.Fkf.Waa'een Nagaa Oromiyaa lixaafi intarneettii baay'ee dhaadheeffamee dubbatameera.Duulli Intarneettiifi bilbila bansiisuu gareewwan ABO waliin qindaa'an kanneen birootiinis tibbana adeemsifamaa waan jiru fakkaata.Amma carraa dhibee koronaa kanatti da'eeffannee intarnweettii bansiisuu qabna jedhamee hojjetamaa akka jirun taajjabe.
Ummata miliyoona 15 irratti intarneettiifi bilbilli cufame jechuun himama.
Amma dhuguma Ummataaf yaadamemoo caasaa addaan citan quunnamuutu barbaadame?Baadiyaa Oromiyaa lixaatti Ummata meeqatu tajaajila intarneettii argataa?Ummanni Oromiyaa lixaa Raadiyoofi Televizynii waa'ee vaayirasii koronaa irratti odeeffannoo ittiin argatu hin qabuuyii?
Hooggansi ABO ol'aanaan ammas himannaa dur bare keessaa ba'uu hin dandeenye.Ammas akkuma durii bara hooggansa Oromoottis mootummaa komatee komachisiisuuf yaala.Ummanni bal'aan ammoo waan ta'aa jiru sirritti beeka.
Tooftaa lamatti fayyadamuudhaan gara taayitaatti dhufuun ni danda'amaayii?
Jaarraa 21ffaa keessa akka jirrus waan dagatame fakkaata.Qabsoo hidhannoofi karaa nagaatiin sochoona jechuun waan waldha'u akka ta'e qabataamaan mul'ateera
Abbaan torbee caasaa eenyuutii? Gareen hidhataan Shaneehoo jiddu galeessa irraa eenyu wajjin quunnamtii qaba?
Komishinarri jaalatamaan dhiyeenya Burraayyuutti guyyaa saafaatti haala suukaneessaadhaan ajjeefaman qindoomina eenyuutiin ajjeeffamanii?ABO'n loltoota hidhatan hin qabu jechuun erga labsee booda shaneen adamsamee yeroo haleelamutti maalif mormaaf?
Ibsa kenname irratti kan baay'ee na-kofalchiise waa'ee vaayirasii Koronaafi hidha Haaromsaa irratti kan dubbatamedha.Dhimmoota lamaan kana irratti wanti jedhame waa'ee ummataatiif ni quuqamna jechuu barbaadameeti.Garuu miti!Utuu ta'ee akkuma namoonni kumaatamaan lakkaa'aman nu jalaa hidhaman jedhame san kanneen irrattis bal'inaan dubbatama ture.Wanti hin jirre eessaa dhufaree?Fakkeessaafi irra diba kana Ummanni sirritti beeka.ABO'n kan milkaa'uu danda'u irra dibaafi fakkeessuu kana keessaa ba'ee akkuma dura waadaa gale karaa nagaatiin socho'ee filannootti hirmaachuun sagalee ummataa argachuu qofa.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ