Carraaqqiin Vaayirasii koranaa ittisuu haala namoomaa nurraa mulquu hin qabu-waajjira muummicha ministiraa


Finfinnee Bitootessa 11/2012(TW) Waajjirri muummicha ministeeraa carraaqqiin vaayirasii koronaa ofirraa ittisuuf taasifnu haala namoomaa akka nurraa hin mulqineefi mirga namoomaa akka hin sarbineef of eeggannoon taasifamuu akka qabu hubachiiseera.

Waajjirichi dhimma tamsa’ina Vaayirasii Koranaa COVID-19 irratti hojiin hubannoo gahaa uumuu sadarkaa guutuu biyyaatiin raawwatamaa akka jiruufi vaayirasichi lammii biyya kamiiyyuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu akka hin taane hubachuun akka barbaachisu himeera.
Namni hundumtuu vaayirasichaaf saaxilamaa akka ta’e kan mul’ise ibsi waajjirichaa falli rakkoo kanaa qajeelfama ittisaafi of eeggannoo ministeerri eegumsa fayyaa baase qofa hordofuu akka ta’e beeksiseera.
Carraaqqiin vaayirasicha ofirraa ittisuuf taasifnu aadaa mirga namoomaa kabajuufi namaaf garaa laafuu qabnu nujalaa balleessuu hin qabu jedheera waajjirichi.
Nuti qaama hawaasa idila addunyaa waan taaneef tokkoon tokkoon keenya wal eegna,sodaafi yaaddoon vaayirasii kanaaf qabnu namummaa keenya nurraa mulquu akka hin qabne waajjirichi  dhaameera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa