Irreechi Ibsaa Aadaafi Seenaa Ummata Oromooti

 

Irreechi waggaa waggaadhaan dhufa.Baranas kunoo waggaa eeggachuudhaan dhufeera.Irreecha Hora Finfinneefi Arsadii Fulbaana 22 fi 23 bara 2014 ayyaaneeffamuuf baga geesssan!

Irreechi hora Finfinnee waggaa 150 booda kabajamuu erga eegalee kan baranaa marsaa sadaffaadha.Irreechi hora Finfinnee marsaa jalqabaafi lammataa yaaddoowwan nagaafi fayyaa utuu jiranuu kabajamuun darbe.Baranas yaaddoowwan kun akka jiran nibeekama.

Yaaddoon nagaa tokkummaa Irreeffattoota hundaatiin fala argata.Kanaan duras Oromoon tokko ta’ee socho’uu waan danda’eef sirni Irreechaa utuu mortuun mortuu nagaadhaan kabajamee darbe.Baranas gamtaafi tokkummaa Ummata Oromootiin akkasumas tumsa sabaafi sab-lammootaatiin nagaadhaan kabajamee darba.

Waltajjii sirna ayyaana Irreechaa bu’aa siyaasaa galmeessisuuf itti fayyadamuun shira diinoonni Oromoo waggaa waggaadhaan shiran irraa madda.Waggaa darbe Fulbaana 30 booda mootummaan biyya bulchu hinjiru jechuun utuma farrisanii Irreechi hora Finfinneefi Arsadi vaayirasii koronaa ofirraa ittisaa nagaadhaan kabajamuun darbe.Baranas Irreechi Oromoo tumsaafi tokkummaa Saba Oromootiin dabaalamee nagaadhaan kabajamee darba.

Kun akka ta’uuf ammoo Oromoon qophaa’eera.Mariin magaalotaafi godinaalee gara garaatti yeroo adda addaatti adeemsifamaa ture hawaasa hundaaf hubannoo gahaa kan uume waan ta’eef humni shirtuun tokkummaa Sabaa kana bira darbuudhaan miidhaa geessiftu hinjirtu.Homaa yaadda’uun hinbarbaachisu.Lootee seentuun daandii akka hin arganneef garuu tokkummaa uumame daran cimsuun barbaachisaadha.

Ergamtoonni wayyaaneen halaala irra teessee bobbaaftu adabachuu kan danda’an tokkummaan sabaa daran finiinee yoo mul’atedha.Miidhaa geessisuuf yaaliin ergamtootaan taasifamu tokkummaa sabaatiin fashalaa’ee hafa.

Dubbii keenya irratti ayyaanni Irreechaa labsii malee ayyaana biyyaalessaa ta’aa jira.Oromoon hundumtuu injifannoo kanaan boonuu qaba!Qabsoo waggoota hedduuf taasifametu injifannoo kanaan nuga’e.Injifannoo kana kunuunfachuufi eeggachuun dirqama hundaa ta’uu qaba.


Ayyaanni Irreechaa ayyaana biyyaalessaa ta’aa akka jiru wantoonni qabatamaan mul’isan hedduutu jira.Sabaafi sab-lammoonni hedduun ayyaana kana irratti argamuudhaan uffaatasaaniitiin aadaa isaanii mul’isaa jiru.

Sabaafi sab-lammoonni gara garaa waltajjii ayyaana Irreechaa irratti yoo argaman uffata aadaa Oromoo akka uffataniif akkasumas Afaan Oromoo akka dubbataniif hindirqaman,kanaaf jaalalaan hirmaachaa jiru.Kun ammoo waggaa waggaadhaan dabalaa akka jiru argaa jirra.Kanaaf ayyaanni Irreechaa caalaqqisiisaa sirna Gadaa ta’e kun sadarkaa guutuu biyyaatiin ayyaana biyyaalessaa ta’aa dhufeera.

Oromoon hammataa ta’uusaa waltajjii ayyaana guddaa akka kanaa irrattis mul’ifna waan ta’eef sabaafi sab-lammoota sirna ayyaana Irreechaa irratti argaman waliin karaa nagaatiin Irreecha keenya kabajuu qabna.

Gara waltajjiiwwan ayyaana Irreechaa yoo dhufnu ammoo yaaddoofi sodaadhaan dhufuun barbaachisaa miti.Dhugaadha waltajjiin ayyaana Irreechaa yaaddessaa akka ta’uuf kanaan dura qaamoleen siyaasaa gara garaa akka malee hojjetaniiru.Ayyaana Irreechaa irratti warra bu’aa siyaasaaf hojjetantu kanaan nuga’e.Ammaan booda humnoota haala kanaan deemuudhaan waltajjii ayyaana Irreechaa bu’aa siyaasaatiif fayyadamuu barbaadaniin adabadhaa taa’aa jechuunii qabna.

Egaa Hora Finfinneetti kunoo waggaa sadaffaaf Irreeffachuuf jirra.Kun injifannoo guddaa abbaa biyyummaa Oromoo booda argamedha.Injifannoo cululuqaa kana eeggannee itti fufsiisuun barbaachisaadha.Filannoo biraa hinqabnu.Waan arganne kununsuufi eeggachuun daran beeksisuun bu’aa diinagdees akka fidee dhufu mul’achaa jira waan ta’eef dhimmicha sirritti qalbeeffachuudhaan ilaaluun barbaachisaadha.Irreechi bara 2014 Irreecha Nagaafi Badhaadhinaa isniif haata’u!Vaayirasii Koronaa irraa of eeguu hindagatinaa!


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman