ልጥፎች

Lafa Keenya Nujalaa Gurgurachuufi?

  Wayyaaneen bara taayitaa isheetti Ummata Oromoo irratti shira lakkaa’amee hindhumne akka raawwatte nibeekama.Keessumattuu ummanni naannawa jiraaturra akka hinturre taasifamaa ture.Kunis maqaa hojii Investimantiitiin raawwatamaa ture.Lafa qonnaan bultootaa kaaree meetira tokko birrii saditti gurguranii maallaqa beenyaa muraasa qonnaan bulaaf kennaniin iddoo jireenyaa irraa akka buqqa’u taasisuun hawasni jireenya hiyyummaatiif akka saaxilamuuf shirri lakkaa’amee hindhume raawwatamaa tureera. Shirri caasaan bulchiinsa Wayyaanee ummata Oromoo irratti raawwachaa ture kun itti fufuu hinqabu!amantaa jedhu irraa ka’uudhaan qabsoon ummata bal’aafi caasaa ADWUI keessatti jalqabame finiinuudhaan sirni ADWUI/ABUT taayitaa irraa akka fonqolfamu taasifame. Mootummaan jijjiiramaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahamdiin hoogganamu taayitaa biyya bulchuu fudhachuudhaan hooggansi jijjiiramaa biyya gudditti Itiyoophiyaa bulchuu jalqabe.Battala kanatti Oromoon abbaa biyyaa ta’e,mirga abbaa biyyummaa

Leenjii Muummichaan kenname…..

ምስል
  Muummichi Miistiraa Dr.Abiy Ahmad miseensoota koree jiddu galeessa paartii Badhaadhinaatiif leenjii haala siyaasaa irratti xiyyeeffate kennaniiru.Leenjichi haala siyaasaa biyyaalessaafi idil addunyaa bal’inaan kan balballoomseefi akkaataa hundumtuu hubachuu danda’uun kan kennamedha.Demokraasiin mirgaafi dirqama kan kennu akka ta’e leenjiin kun mul’iseera.Garuu haala mul’achaa jiruun demookraasii qofatti dhimma ba’uudhaan dirqama dagachuun rakkoo uumaa jira. Gama kanaan hanqinni jiru maal akka ta’e kan iftoomaan ittiin himamedha.Waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojiiwwan gurguddoon hooggansa Badhaadhinaatiin hojjetaman kan tarreeffamanii ittiin dhiyaatanidha. Keessumattuu Boodrdii filannoo biyyaalessaa lammata caasessuu irraa eegalee ijaarsa dhaabbilee irratti milkaa’ina argameefi bu’aa qabatamaa galmeessisuun kan danda’ame bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuudhaan akka ta’e muummichi Ministiraa Dr.Abiy Ahmad leenjii miseensoota koree jiddu galeessa paartichaatiif kennan kana i

Yaadi Media Network:Waa'ee Finfinneefi Oromoo haqa Dr.Diimaa Nagawoo mam...

ምስል

Yaadi Media Network:Dhugaa qabatamaa Finfinneen qabdu

ምስል

Itiyoophiyaa keenyatu moo’ate!

  Sadarkaa har’a irra jirru kana irra ga’uun danda’ameera.Kun Injifannoo yoomillee dagatamuu hindandeenyedha.Injifannoon biyyaafi lammii biyyaaf quuqamu hunda boonseefi gammachiise kun bu’aa ba’ii hedduu lakkaa’amee dhumuu hindandeenye booda galmeeffame.Inijfannoon biyya diigumsa irraa hambise kun akka galmeeffamuuf kumaatamootatu miidhame.Dhiiga lammiitu dhangala’e,lafee lammiitu caccabe,qabeenya dilbiitu barbadaa’e.Waan ta’ee darbe hunda dhalootaaf olkaa’uun barbaachisaadha. Amma wanti duubatti deebi’u akka hinjirre mirkanaa’eera.Injifannoo galmeeffame eeggachaafi kunuunfachaa injifannoo biyya misoomsuu,ijaaruufi badhaadhomsuu itti aanu galmeessisuuf dirqamni kan lammii biyyasaa jaalatu hundaati.Abalutu kana hojjeta jechuun dhimma biyyaa irraa qoollifachuun qaama biroo eeguun hinbarbaachisu.Dhimmi biyyaa kan hundumaati.Kan dirqamni itti kennamee itti gaafatmaan hojjetu yoo jiraates hundumtuu waa’ee biyyaa keessaa harka qaba. Injifannoon cululuqaan sadarkaa guutuu biyyaatiin arg

Jajjabee Loomii Badhoo waan jedhan….

ምስል
  Adda Loomii Badhoo sadarkaa hooggansaa gara garaa irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaa tajaajilaniiru.Hooggansa waajjiraalee gara garaa irraa eegalee Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa ta’uudhaan tajaajilaa turan.Wayita ammaa itti aantuu af-yaa’ii mana marii bakka bu’oota ummataa ta’uudhaan biyya isaanii Itiyoophiyaa tajaajilaa jiru. Jajjabeen tun haala yeroo Naannoo Oromiyaafi biyyaa irratti xiyyeeffachuudhaan OBN wajjin turtii taasisaniiru.Dhimmoonni isaan kaasan Oromiyaafis ta’e biyyaaf kan tolu waan ta’eef dhimmoota gurguddoo tokko tokko irratti iftooma uumuuf waan itti aantuun af-yaa’ii mana marii bakka ba’uuta ummataa kabajamtuu addee Loomii Badhoo OBN’itti himan isin hordoftoonnikoo barreeffamaan hanga tokko odeeffannoo akka qabaattaniifin isiniif dhiyeesse,dubbisaa! Miseensoota mana marii bakka bu’oota ummataa 547 keessaa bakka bu’oonni Naannoo Oromiyaa lakkoofsaan 179 haala yeroo irratti mari’achuudhaan   dhimma nagaa Oromiyaafi Finfinnee irratti ejjennoo akka qabataniifi ejjenno

Waan Gaarii Keenya Dhaga’uu Hinfedhan!

ምስል
    Ormi/alagaan akka walnyaannu barbaada.Yeroo nuti walnyaannu isaan waan fayyadamantu jira waan ta’eef akka nuti walnyaannu barbaadu.Amma Nagaan haabu’u jennee Nagaan amansiisaan akka jiraatuuf yoo sochoonu miidiyaawwan isaanii maalif nuuf gabaasuu didan?BBC CNN Reutersfi miidiyaawwan idil addunyaa kanneen biroos carraaqqii mootummaan Itiyoophiyaa nagaan waaraa akka bu’uuf taasisaa jiru hingabaasine.Akka waan hinagarreefi hidhageenyee fakkaatanii callisan.Maalif?jennee gaafachuun barbaachisaadha. Kanaan dura wayyaaneen deeggarsuma isaaniitiin onnattee gara jiddu gala biyyaatti dhuftuuf yoo wixxifattu jajjabeessaa turan.Lammiiwwan biyyaalee alaa Finfinnee keessaa hatattamaan akka ba’aniif irra deddeebi’uudhaan waamicha dhiyeessaa turan.Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dhimma Itiyoophiyaa irratti al-kudhan caalaa walga’uudhaan yoo mari’atu miidiyaawwan idil Addunyaa beekaman gaggabanii itti cichuudhaan gabaasaa turan.Gamaa gamanaa dhimmicha afarsuudhaan waa’ee Itiyoophiyaa akka