Waan Gaarii Keenya Dhaga’uu Hinfedhan!

 

 



Ormi/alagaan akka walnyaannu barbaada.Yeroo nuti walnyaannu isaan waan fayyadamantu jira waan ta’eef akka nuti walnyaannu barbaadu.Amma Nagaan haabu’u jennee Nagaan amansiisaan akka jiraatuuf yoo sochoonu miidiyaawwan isaanii maalif nuuf gabaasuu didan?BBC CNN Reutersfi miidiyaawwan idil addunyaa kanneen biroos carraaqqii mootummaan Itiyoophiyaa nagaan waaraa akka bu’uuf taasisaa jiru hingabaasine.Akka waan hinagarreefi hidhageenyee fakkaatanii callisan.Maalif?jennee gaafachuun barbaachisaadha.

Kanaan dura wayyaaneen deeggarsuma isaaniitiin onnattee gara jiddu gala biyyaatti dhuftuuf yoo wixxifattu jajjabeessaa turan.Lammiiwwan biyyaalee alaa Finfinnee keessaa hatattamaan akka ba’aniif irra deddeebi’uudhaan waamicha dhiyeessaa turan.Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dhimma Itiyoophiyaa irratti al-kudhan caalaa walga’uudhaan yoo mari’atu miidiyaawwan idil Addunyaa beekaman gaggabanii itti cichuudhaan gabaasaa turan.Gamaa gamanaa dhimmicha afarsuudhaan waa’ee Itiyoophiyaa akkam taasisaa akka turan agarree jirra.Yoomillee hindagannu!

Wiixata darbe Muddee 17 bara 2015 gareen ergamaan qondaaltoota ol’aanaa mootummaa Itiyoophiyaa Maqalee dhaquudhaan qondaaltoota TPLF wajjin yoo mari’atu wanti kun akkamitti ta’uu danda’a?jechuun baay’ootatu gaafate.Akkamitti sadarkaa kana irra ga’uun danda’amee?jechuudhaan kanneen gaafatanis akka jiran beekamaadha.

Dura taa’aan TPLF Dr.Dabratsiyoon Gabramikaa’eel haasawa garee qondaaltoota Itiyoophiyaatiif dhageessiseen(waan ta’uu hinmalle keessa buufatus) waan ta’e ajaa’ibsiifachuun garee achi dhaqeefi muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad kan galateeffate waa malee miti.Namni kun waan tasa ta’e ajaa’ibsiifachuun yoo dinqisiifate nama waan ta’eef sirruma godhe.

Namni uumamaan wanti hinta’u jedhee eegu ta’ee yeroo qabatamaan argu dinqisiifachuun jajuun isaa waan hinoolledhe.Tarii akka shakkamutti imalli gareen qondaaltoota mootummaa Itiyoophiyaa utuu hinbeekamin tasa gara Maqaleetti taasise kun namoota muraasa jidduutti iccitiidhaan qabamee kan raawwatame ta’uu danda’a.Kunis waan Nagaa biyyaafi ummataatiif jecha garaa bal’achuudhaan raawwatamedha jechuun fudhachuun,deeggaruun jajjabeessuun barbaachisaadha.

Hooggansi jijjiiramaa mari’achuudhaan tooftaa kana fayyadamuun walitti dhufeenyi gaariin akka uumamu taasise,ummata Nagaa dhabuudhaan rakkachaa ture biratti galataa guddaa qaba.Waa’ee faayidaa Nagaa kan Nagaa dhabee dararametu beeka waan ta’eef hooggansi tooftaa kana mijeesse ummata bal’aa biraa galata guddaa dhuma hinqabne akka argatu beekamaadha.

Karaa birootiin wanti mootummaan Nagaa biyyaatiif jecha kaka’uumsaan raawwate kun qaamota tokko tokkoon sababa uumuudhaan yoo qeeqamu dhaga’amaa jira.’Af-yaa’ii Taaggasa Caafoo TPLFfi Shanee irratti seerri shororkeessummaa akka ba’u taasisanii seerichi utuu hin ka’in maalif TPLF bira dhaqu?’jechuun kan falman dhaga’amaniiru.Kanaan alattis jette jetteen himamaa jiru baay’eedha.Asirratti kaasuun barbaachisaa miti jedheetan dhiise.

Maaliyyuu haata’u Nagaa biyyaafi ummataa wanti caalu hinjiru dhimma jedhu irratti waliigaluun barbaachisaadha.Akka lammiitti Itiyoophiyaadhaaf kan yaadamu yoo ta’e mala kamiiniyyuu Nagaan waaraa akka bu’uuf carraaqqiin taasifamu deeggaramuu qaba!Hanqinni adeemsaa jiraachuu kan danda’u ta’ullee Nagaa biyyaafi ummata bal’aa wanti caalu akka hinjirre hubachuudhaan carraaqqiin Nagaan amansiisaan akka jiraatuuf taasifamaa jiru akka milkaa’uuf  deeggarsa hinqusatamne taasisuun dhimma murteesaadha.

Tarkaanfiin mootummaan Itiyoophiyaa gara Maqaleetti imaluudhaan fudhate qeeqa qofa utuu hintaane deeggasas keessummeessaa jira.Jiraattoonniifi namoonni beekamoon dhimmicha irratti yaada kennan akkaataa waliigaltee Nagaa Piriitooriyaatiin TPLF hidhannoo hiikkachuun utuu dagatamin walitti dhufeenyi uumame cimee ittifufuu qaba,keessumattuu jiraattoota naannoo Tigraay rakkataniif dhaqqabuun jabaachuu qaba jedhaniiru.

Egaa Shaneenis carraa mootummaan kennetti yoo fayyadame wayyaaf!Deeggarsi diinoota Itiyoophiyaatiin shaneedhaaf taasifamu gatii hinqabu.Wanti gatii qabu haala mijaa’aa mootummaan Itiyoophiyaa uumetti fayyadamuudhaan karaa nagaatiin socho’uudha.Sochii hanga ammaatti shaneen taasiseen Saba Oromoo dabalatee sabaafi sab-lammoota Itiyoophiyaa hedduurra miidhaan ga’eera.Shaneen haala bareen miidhaa geessisaa humna itti fufuu danda’u miti.Kanaaf haala mijaa’ee uumametti fayyadamuudhaan kaayyoodhaan gara maritti deebi’uun hundumuma fayyada waan ta’eef utuu oolee hinbulin murteessuun barbaachisaadha.

Mee waa’ee ‘miidiyaawwan idil addunyaa’ jedhaman sanatti isin haadeebisu.Miidiyaawwan idil addunyaa gara gubbaatti maqaa isaanii dhayeefi kanneen biroos waan hamaa Itiyoophiiyaa qofa maalif gabaasu?Badiifi dhumiinsa qofaadhaan dhaggeeffataa,daawwataafi dubbisaa akka argatan beekna.Kanaaf waan gaarii keenya gabaasuu dadhaban jennee hingaddinuuf!

Waan gaarii Itiyoophiyaa hordofuudhaan yoo gabaasan Itiyoophiyaan gama hundumaanuu dhaga’amtummaa argachuudhaan isaan caaluu dandeessi.Kanaaf maddi dhala namaa Itiyoophiyaan waan gaariidhaan akka dhaga’amtu hinbarbaadan.Yoomiyyuu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman