Ibsa tajaajila komunikeeshiniitiin har’a kenname

 


Mootummaan waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiitti hiikuu jalqabe haala hirmaachisaa ta'een cimsee akka itti fufe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiiseera.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaa haala yeroo irratti xiyyeeffachudhaan har’a ibsa kennaniiru.

Akkaataa kallattii Waliigaltee nageenyaatiin kaa'ameen waliigalticha hojiirra oolchuuf qaamoleen dhimmi ilaallatuun hundi qooda isaanii ba'uu akka qaban dhaamaniru.

Yeroo ammaa naannoo Tigraayitti nagaan bu'uu eeruun,nagaa bu'e itti fufsiisuuf waliigaltee nageenyaa guutummaatti hojiitti hiikuun murteessaa ta'uu eeraniiru.

Bu'uuruma waliigalteetiin Mootummaan Geejjiba lafarraa fi qilleensaan gargaarsa namoomaa dhiyeessaa akka jirus himaniiru.

Hanga Muddee 5,2015 midhaan nyaataa meetirik tooniin kumni 93 fi meeshaaleen nyaataan alaa tooniin kumni 8,akkasumas Boba'aan Liitirri kumni 833 naannoo Tigraay seenuu himaniiru.

Qorichoonni meetirik tooniin 158 gama dhaabbilee deeggartootaan gara naannichaatti ergamuu fi Birriin miiliyoonni 500fi miliyoona 88 hojii raawwachiisuuf ergamuu dubbataniiru.

Kun kanaan utuu jiruu turtiin muummichi ministiraa Dr. Abiy Ahmad tibbana Ameerikaatti taasiisan humna Dippiloomaasii Ityoophiyaa kan cimse ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahmad turtii Ameerikaatti taasiisaniin, dhaabbilee idil addunyaa, hoggantoota biyyoota garaagaraa fi seeneetaroota Ameerikaa walii marii bu'aa qabeessa taasiisu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har'a laateen himeera.

Marichaan tarkaanfiin mootummaan waldhabdee Kaaba biyyattii furuuf taasiise beekkamtii kan argateefi waliigalticha hojiitti hiikuuf kutannoon mul’ise dinqisiifatamuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasa himaniiru.

Ameerikaa fi Ityoophiyaan hojiilee misoomaa waloon hojjetan caalmaatti cimsuuf waliigaluus himaniiru.

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman