Itiyoophiyaa keenyatu moo’ate!

 


Sadarkaa har’a irra jirru kana irra ga’uun danda’ameera.Kun Injifannoo yoomillee dagatamuu hindandeenyedha.Injifannoon biyyaafi lammii biyyaaf quuqamu hunda boonseefi gammachiise kun bu’aa ba’ii hedduu lakkaa’amee dhumuu hindandeenye booda galmeeffame.Inijfannoon biyya diigumsa irraa hambise kun akka galmeeffamuuf kumaatamootatu miidhame.Dhiiga lammiitu dhangala’e,lafee lammiitu caccabe,qabeenya dilbiitu barbadaa’e.Waan ta’ee darbe hunda dhalootaaf olkaa’uun barbaachisaadha.

Amma wanti duubatti deebi’u akka hinjirre mirkanaa’eera.Injifannoo galmeeffame eeggachaafi kunuunfachaa injifannoo biyya misoomsuu,ijaaruufi badhaadhomsuu itti aanu galmeessisuuf dirqamni kan lammii biyyasaa jaalatu hundaati.Abalutu kana hojjeta jechuun dhimma biyyaa irraa qoollifachuun qaama biroo eeguun hinbarbaachisu.Dhimmi biyyaa kan hundumaati.Kan dirqamni itti kennamee itti gaafatmaan hojjetu yoo jiraates hundumtuu waa’ee biyyaa keessaa harka qaba.

Injifannoon cululuqaan sadarkaa guutuu biyyaatiin argame kun akka galmeeffamuuf obsi nuffisiisaan hooggansi ol’aanaan mul’ise tooftaan hooggansi ol’aanaan fayyadame obsi ummanni bal’aan utuu abdii hinkutatin itti fufuunsaa qabatamaan agarsiiseefi kutannoon lammii biyyasaa jaalatu hundaan mul’ate kan himamee dhumuu danda’u miti.

Keessumattuu wareegamni Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa baaseefi gumaachi humnoota tasgabbii hundaan taasifame adda durummaadhaan yoomiyyuu kan himamuu danda’udha.Seenaatu galmeessee olkaa’e waan ta’eef dhaloonni dhufu muuxannoo irraa fudhachuun Itiyoophiyaan biyya guddittii diinni akka barbaadutti diiguun akka hintaane ittiin mul’isuu danda’a.

Dhaloonni amma jirus akkuma dhaloota kanaan duraa Itiyoophiyaa itti fufsiisuu danda’uudhaan carroomeera.Abaabileefi Akaakileen keenya qabsoo obsa fixachiisaa taasisuudhaan diina alaafi keessaa biyya irratti ka’e ga’uumsaan qolachuun Itiyoophiyaan biyya birmadummaa ishee kabajisiisuun itti fufuu dandeesse taasisuun dhaloota dhaalchisuu danda’aniiru.Dhaloonni ammaa imaanaa abbootii durii irraa fudhates waan irraa eegamu hunda raawwachuudhaan imaanaa itti kenname ba’aa jira.Kanaaf dhaloonni amma jiru qaaniifi salphina irraa baraarameera.

Dhaloonni amma jiru waan hedduu ittiin boonu galmeessiseera.Hidha guddicha Abbayyaa dafqasaatiin ijaarrachuun anniisaa elektiriikaa maddisiisuu danda’eera.Asrratti wanti mamsiisaan hin jiru.Hidhi Abbayyaa sadarkaa muraasaan madda elektiriikaa ta’uu danda’e guutummaatti tajaajila kennuu jalqabuunsaa waan hinoolle akka ta’e mirkanaa’eeraa.Ijaarsi hidha seenaa-qabeessa kanaa gufatee akka dhaabbatuuf shira gamaa-gamanaa xaxame hunda kukkutee bira darbuu danda’eera.Diinoota tooftaawwan adda addaatti fayadamuudhaan Itiyoophiyaa diiguuf walta’an hunda qaanessuu danda’uunis dhimma guddaa dhaloota amma jiru boonsudha.Amma dhugaa qabaatamaan jiru kana humna kamtuu haaluu danda’aa?gonkumaa waan ta’u miti!

Egaa akka seenaadhaan beekamutti borumtii injifannoo booda wantoonni gufuu ta’uun dhufan baay’eetu jira.Kan jalqabaa injifannoo galmeeffame dhuunfachuudha.Utuun ani jiraachuu baadhee,utuun ani akkan taasisuu baadhee…. injifannoon kun hingalmeeffamu jechuun humnoonni faallaa deeman hindhabaman.

Kun ammoo kallattiidhaan yoo dhufuu dadhabes teeknooloojii baraatti fayyadamuun olola ta’uu hinqabne facaasuun,injifannoo galmeeffame salphisuun,gadi qicuun,faallessanii odeessuun waan hinoolledha.Haala qabatamaa amma jiruunuu sochiin kun mul’achaa waan jiruuf of eeggannoo taasisuun nibarbaachisa.

Sochiin haala kanaan taasifamu injifannoo galmeeffame xureessuu danda’a.Akka kun hintaaneef lammiin biyyasaa jaalatu hundumtuu quuqamaan inijifannoo galmeeffame eeggachaafi kunuunfachaa injifannoo itti aanuuf kutannoodhaan socho’uuf dirqama lammummaa qaba.Kan moo’ate Itiyoophiyaadha!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman