Nagaa feena,hattoota mormina!



Tibbana Wallagga bahaatti maaltu ta'e jechuun iyyaafachaan ture.Dhugaa qabatamaan jiru kan natti himu argachuu hin dandeenye.Kanneen 'you tube'dabalatee weeb saayitiiwwan hawaasummaa adda addaa irratti dhimmicha afarsan akka daawwataa argatanttii dhimmicha dhaadhessuudhaan yoo qilleensarra oolchan argeera.Isaan daawwataa baay'ifachuudhaan galii argatan qofa irratti kan xiyyeeffatan akka ta'an nan beeka.Haaluma isaaniitu kana nama hubachiisa.Nama itti xiyyeeffatee ilaaleef haala isaanii hubachuun rakkisaa hin ta'u. Namoonni dhuunfaa Chaanaalii 'You tube' banatan kan dhuufaadhaanis ta'e gareedhaan gurmaa'uudhaan hojjetan dhimma yaaddessaa dhumiinsaafi buqqaatii lammiiwwanii kan gabaasan hawaasaaf yaaduudhaan,quuqamuudhaan dhimmicha guyyuutti afarsaa oolu jechuun dubbachuun ulfaataadha.Hundumtuu bu’aa ofii galmeessifachuuf yoo fiigu mul’ata. Hattoonni saamichaan Itiyoophiyaa dhoran jara kanatti akka fayyadamuu danda’anis shakkuun barbaachisaadha.Maallaqni ummata Itiyoophiyaafi mootummaa irraa saamame hattoonni akka baraaramaniif du’a irraa akka oolaniif waan kana afarsuufi afarsiisuuf kan oolu akka ta’u muuxannuma kanaan duraa irraa beekuun ni danda’ama. Kan ammaa kana maaltu adda taasise? jechuun haagaafannu!Wallagga bahaa.Giddaa Ayyaanaa Angar Guttiin… jedhamee akka malee afarfamaa jira.Tokko tokko ammoo akka nama iddootti argamuun lakkoofsa namoota du’anii lakkaa’uudhaan argeetti lakkoofsa maqaa dha’uudhaan ‘lubbuun namoota hammanaa darbeera.Jiraattoonni lakkoofsisaanii hammana ga’u iddoo jireenyaa irraa buqqa’uudhaan bosonatti galaniru.Hidhattoonni Amaaraa Ummata Oromoo fixaa jiru,qondaaltoonni Oromiyaa shanee nutti duulchisaniiru’jechuudhaan odeessee odeessisaa oola. Namoonni odeeffannoowwan kanaan burjaaja’uudhaan gaddaafi quuqama isaanii mul’isu.Lammiitu miidhame jedhamuun yoo himamu garaan nama boora’uun gaaffiiwwan adda addaa akka gaafannuuf dirqamsiisuun isaa waan hin oolledha. Hattoonniifi shororkeessitoonni baran shira kana hojjechuudhaan hawaasa yaaddessuun,ummanni mootummaa isaa akka shakku taasisuun,hawaasni mootummaa akka hin abdanne gochuun burjaaja’uumsiifi jeeqmsi akka itti fufu taasisaa jiru. Miidiyaawwan biyya keessaa haala kana beekaniifi hubatan ammoo waan kana sakatta’anii gabaasuuf waan rakkatan fakkaatu.Gama mootummaatiin odeeffannoon gahaan dhimmicha irratti kennamu erga hin jiraannee odeeffannoo bilbilaan kennamu qofaan dhimmicha gabaasuun yaaddoo hawaasaa dabaluudhaan jeeqamsi akka babal’atu taasisuun ala bu’aan fiduu danda’u hin jiru. Dhaabbileen miidiyaa seeraan kan hojjetan waan ta’eef booda irra waan seeraan isaan gaafachiisuu danda’u hin hojjetan.Tarii waa’ee dhimmichaa tuqanii dhimmichi yoo babal’atee miidhaan dabalataa ga’e gaabbuufi seeraan gaafatamuu manna qaamni mootummaa dhimmicha qlqulleessuudhaan yeroo dhiyeessutti haqa qabatamaan jiru hawaasaaf dhiyeessuu filatu.Sababa kanaan isaanis komachuun waan danda’amu miti. Wanti nama ajaa’ibu humnoonni jeeqamsiifi gaaga’amni hawaasaa akka uumamu taasisan miidiyaawwan dhimmicha akka gabaasaniif fedhii ol'aanaa qabu,akka malee barbaadu.Bu’aa kanaan argatan sirritti waan beekaniif ‘gabaafamuu qaba’ jechun dhiibbaa taasisu.Dhaabbilee miidiyaa dhimmicha hin gabaasines komatanii komachiisiisu.Duulli akka itti banmu taasiuudhaan weeb saayitiiwwan hawaasummaa irratti dhaabbileen miidiyaa akka arrabfamaniifi akka qeeqaman taasisu.Kun kanaan dura yeroo adda addaatti ta’eera ammas mul’achaa jira. Hundumaafuu fedhii qabatamaan jiru hubachuudhaan dhimmicha of eeggannoodhaan ilaaluun barbaachisaadha.Hattoonni mootummaadhaan duulli irratti baname haala mijaawaa jirutti fayyadamuudhaan duula itti baname ofirraa qolachuuf mootummaan duula kutannoodhaan bane akka addaan kutuuf,burjaaj’uumsa uumame irratti xiyyeeffachuudhaan yeroosaa akka balleessuuf shira qindoominaan uummatan akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Hattoonni qabeenya biyyaafi ummataa saaman yeroo mootummaadhaan duulli qindaa’aan itti banamu adabatanii taa’u jedhamee hin yaadamu.Haalli mijaawaan yoo uumamu itti gaafatamuun keenya hin oolu jechuun yaadu.Kanaaf of baraaruuf wixiffachuun isaanii waan hin oolle akka ta’e waanuma raawwachaa jiraniin salphumatti hubachuun ni danda’ama. Kanaaf duula mootummaan hattoota irratti bane deeggaaruudhaan dhaabbachuun barbaachisaadha.Hattoonni badan malee rakkooleen asiifi achitti uumaman gara fuulduraattis dhaabbachuu hin danda’an.Hattoonni yoo badan malee yaaddoon nageenyaa hanga waaraatti ni dhabame jechuun yaaduun rakkisaadha waan ta’eef bujaaj’uumsi hattoonni qindaa’uun hawaasa dararama keessa galchuun uuman qolachaa mootummaa maddii hiriiruudhaan hattoota keessaafi alaa hidda gadi fageeffatanii qindoomina uuman buqqisuun barbaachisaadha! Oomisha qamadii biyyi teenya Itiyoophiyaan ittiin beekamaa jirtu nyaachuunis ta'e galii irraa argachuun kan danda'amu hattoota dhabamsiisuudhaan nagaa waaraa buusuun yoo danda'ame qofaadha!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman