Finfinneen Maalif Bishaan Dheebotte?

Finfinneen bishaan dhugaatii dhabuudhaan rakkoodhaan dararamaa jirti.Manneen jireenyaa Kondominiyamii gara gubbaa jiran irratti kanumaan duraa bishaan argachuun baay'ee ulfaataa ture.Amma kan manneen fooqii miti jiraattoonni lafa irra jiraataniyyuu bishaan dhabuudhaan rakkoo hammaataa keessa akka jiran qabatamaan mul'achaa jira.

Abbaan taayitaa bishaaniifi dhangala'aa bulchiinsa magaalaa Finfinnee dhimma rakkoo kanaa irratti miidiyaadhaan yeroo gaafatamutti deebiin kennu kan garaa nama ga'u miti.
Deebiin qondaaltoonni abbaa taayitichaa kennan dhama hin qabu.Rakkoo qabatamaan mul'achaa jiru wajjinis kan walsimu miti.Qabeenya bishaantiin kan badhaanedha jechaa bishaan dhabuudhaan rakkachuun faallaadha.
Rakkoo kana kan hammeesse maalidha? jechuun gaafachuun barbaachisaadha.Akkuma manneen hojii mootummaa kanneen biroo abbaa taayitaa bishaaniifi dhangala'aa keessas maal nadhibeen waan jiru fakkaata.Rakkoon malaammaltummaa sadarkaa gadiitii hanga gubbaatti jirus sababa ta'uu danda'a.Caasaa abbaa taayitichaa keessatti shirri akka jiru himamaa ture.Ogeeyyoonni dhaabbatichaa bishaan ujumoo banan maallaqa fudhachuu waan baraniif jiraattoota irratti dhiibbaa akka uumaa jiran ni dubbatama.Maallaqni yoo kennameef malee sirriitti akka hin banne jiraattootatu dubbata.Rakkoon kun keessumattuu jiraattoota bishaan boonoo fayyadaman irratti kan hammaatu akka ta'e jaarkaanii hiriira galfamee guyyaa guutuu badheerra oolutu ragaa ragaa ta'a.Abbaan taayitaa bishanaiifi dhangalaa'aa Magaalaa Finfinnee dararama ummatarra gahaa jiru kana maqsuutu irraa eegama!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman