Abdii qabaadhu!



Addunyaa irra jiraannu kana irratti wantoota abdii sikutachiisan baay'eetu simudachuu danda'a.Garuu abdii hin kutatin haalli har'a irra jirtu boru jijjiiramuun isaa waan hin oolledha.Jaalatee miti.Jijjiiramatu jijjiiraan.Jijjiiramni dirqamadha.Nuti jijjiirama dhaabuu hin dandeenyu.Nutuu jijjiiramaan jijjiiramaa deemna.Mee yaadi ati har'a iddoo kaleessaa jirtaa?Haala amma irra jirtu teessee yeroo yaaddu iddoo kaleessa ykn. iddoo kanaan dura irra turte irra hin jirtu.Jijjiirmatee jirta.Kanaaf haalli har'a irra jirtu jijjiramuun isaa waan hinoolleef gonkumaaa badii kutatin.Maaliyyuu haata'u damee hojii har'a irratti bobbaateen bu'a qabeessa ta'uuf itti fufiinsaan carraaqi.Hojiin hojjettu kan keessa kee gammachiisu akka ta'uuf itti cichuudhaan hojjedhu.Hoogganaan ana argemoo hin agarre jechuun hojiin hojjettu gammachuu guutuu siif argamsiisuu hin danda'u.Kan hojjettu namaaf miti.Ofumaaf jiraachuuf hojjechaa akka jirtu hubadhu.Hojii dhuunfaas qabda yoo ta'e yeroo kee qoqooduudhaan kutannoodhaan hojjedhu. Waan hunda caalaa yeroon hojiif qabdu takka sijalaa dabarraan waan deebisuu dandeessu miti.Booda gaabbuurra waan hojjechuu qabdu ammuma,har'uma hojjedhu!Booruuf jettee hin bulchin.Boru guyyaa biraati.Borus waan ofii qabatee dhufa waan ta'eef hojii kee boruuf hin beellamin.Abdii hinkutatin! Yeroo qabdutti fayyadami! Nagaatti.Waan dubbiftaniif galatoomaa!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman