Mariin nagaa itti aanu Keeniyaa Naayiroobiitti adeemsifamuuf akka jiru beekameera



Mariin nagaa mari'attoota mootummaan Itiyoophiyaa bakka buuseefi garee TPLF jidduutti adeemsifamu kun tibbana akka adeemsifamu kan himame yoo ta'ellee guyyaa kam akka jalqabamu ilaalchisuun wanti himame hinjiru.
Waltajjii marii kana irratti hojiirra oolama waliigaltee nagaa Piriitooriyaafi Naayiroobiitu qoratama malee akka haarawaatti mariin taasifamu hin jiru.
Egaa mootumaan Itiyoophiyaa waliigalteen nagaa erga mallatteeffamee asitti waan baa'yee hojjeteera.Gargaarsa namoomaa jiraattoota naannoo Tigraayiif itti fufiinsaan dhiyeessuu irraa eegalee tajaajilawwan bu'uraa guutummaatti dhiyeessuuf hojjetameera.
Kanaanis tajaajilli elektirikaa,kan bilbilaafi baankii kan jalqabame yoo ta'u jiraattoonni naannoo Tigraay rakkoo hammaataa isaan mudate keessaa ba'uun haara galfachaa akka jiran ni beekama.
Amma gaaffii kan ta'u gareen TPLF gabaasi marii nagaa irratti dhiyeessu maal ta'a kan jedhudha.Waliigalteen nagaa erga mallatteeffamee asitti guyyoota daangeeffame keessatti lotootasaa hidhannoo hiikkachiisuu hin dandeenye.Hojii raawwadhu jedhame raawwachuu dhiisee dhimma waliigaltee nagaa keessa hin jirre kaasaa ture.Himannaan mootummaa Eertiraa irratti guyyuutti dhiyeessu kan eeramudha.
Shira barameen mootummaan Itiyoophiyaa mootummaa Eertiraa wajjin akka walitti bub'uuf haala mijeessaa ture TPLF,hoj-maneesaa dagateera.Hundumaafuu waltajjii marii nagaa itti aanu kana irratti waan isaan jedhaniifi shira itti qophaa'anii dhiyaatan kan dhageenyu ta'a.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman