Finxaalessummaan Biyya Diiga!




Finxaalessummaan ilaalcha kiyyatu caala jedhu milkeessuuf humnatti dhimma kan bahu, abbaan dhugaa anuma qofaadha, ilaalchi kiyyaan ala jiran martuu dhugaa miti, kanneen jedhan bu’uureffata.
Finxaalessitootni ''kaan waliin marii fi waloon furmaata kennuurra humna fayyadamuu fi haleellaa raawwachuu akka mala tokkootti fayyadamu. Kanaafuu imalli finxaaleeyyii dhumni isaa badiidha.
Finxaalessitootni amala ofittummaatiin waan guutamaniif mormuu male sababaan mo’uu kan hin dandeenye, balleessuu fi ajjeesuuf dursa kan kennan akkasumas ilaalcha gosummaa fi faayidaa ofii qofa giddu galeessa godhatanii kan socho’an qaama badii bu'aa siyaasa isaanii malee tokkumma biyyaa fi waliin jireenyaa ummataatiif dhimma hin qabnedha.
Gochi finxaalessummaa diigumsa biyyaa qaqqabsiisa, walitti bu’iinsa babal’isee lammiilee wal ficcisiisa. Biyyootni dhibee fiinxaalesuummaatiif saaxilaman hedduun miidhaa hammaataadhaaf saaxilamiiru.
Kaansariin kun biyyoota garaa garaa keessatti dhumaatii lubbuu namootaa baayyee, rakkoo tasgabbii dhabuu fi diigamuu biyyoota garaa garaatiif sababa bu’uuraa ta’uu kan danda’edha.
Finxaalessitootni harka nama biraatiin abidda qabachuu kan fedhan, ergama isaanii dhokataa ta’e galmaan gahachuuf akka isaaniif tolutti ammo maqaa sabaa, amantii fi dhimmoota biroo jala dhokachuu akka qajeeltootti kan fayyadaman yemmuu ta’u, gochi kun garuu qaama kamiifuu miidhaa male faayidaa homaa hin qabu.
Ijaarsi sirna diimokraasii dhugoomee tokkummaan sabootaa, sablammootaa fi uummattootaatis daran cimee badhaadhinni waloo galma gahuu kan danda’u, lammiin hunduu ilaalchaa fi gocha finxaalessummaa irratti tokkuumman qabsaahuu yoo danda’eedha.
Rakkooleen keenya hunduu furmaata kan argatan gaaddisa obbolummaa fi tokkummaa keenyaa jalatti waan ta’aniif qaamolee finxaalesuummaa tarkaanfachiisuun waliin jireenya keenya diiguu fi guddina biyyaatis gufachiisuuf carraaqan tokkummaan dura dhaabbannee nageenyaa fi misooma itti fufiinsa qabu galmaan haa geenyu.

Maddi:OPP

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman