Shira marii marsariitii 'Unity for Ethiopia'



Gareen 'Unity for Ethiopia' jedhamuufi  biyya Ameerikaa jiraatu marii marsariitii dhimma hookkara Finfinnee tibbana mudate irratti kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee wajjin mari'achuuf kaleessa galgala sagantaa marii kallattii qopheessee ture.Namoonni marsariitiidhaan sagantaa marii kana qopheessan Adde Adaanachi Abeebee kallattiidhaan argatanii gaaffiiwwan gara garaatiin dhiphisuuf kan qophaa'an akka ta'an waanuma isaan dubbatan irraa hubachuun ni danda'ama.

Hundumaafuu Adde Adaanachi Abeebee akka isaan yaadanitti dhiyaachuu hin dandeenye.Bakka bu'aa isaanii obbo Adooniyaas Woldee mariitti akka hirmaatan taasisan.Waan dansaa godhan!Obbo Adooniyaas kantiibaa Adaanach sababa hojiitiin mariitti hirmaachuu akka hin dandeenye himuudhaan dhiifama wajjin isaan akka bakka buufaman naamusa gaariidhaan himan.

Battala kanatti mirri namoota sagantaa marii qopheessanii akka malee qabbanaa'e bishaan kan itti nam'e fakkaate.Booda irra eegaa haa ta'uu isinis bakka bu'aa mootummaa waan taataniif gaaffiiwwaan isiniif dhiyeessinuuf deebii kennuu ni dandeessu amantaa jedhu qabna jechuudhaan marii keenya itti haafufnu jedhan.

Yeroo tokkotti marsaa jalqabaati jechuudhaan gaaffiiwwan kudhan tarreessuudhaan dhiyeessan.Bakka bu'aan kantiibaa Adaanach Abeebee obbo Adooniyaas Woldee deebii kennuu jalqaban.Warri sagantaa marii qopheessan fajajuudhaan dhaggeeffachuu jalqaban.Mariin itti fufe.Obbo Adooniyaas galatoomaa,ibsa bal'aafi amansiisaa kennitaniif.Hookkarri tibbana Finfinneetti akka jalqabamu taasifame dhimma  Faaruufi Alaabaa Naannoo Oromiyaa wajjin kan walqabatu akka hin taaneefi gocha raawwatame keessa shirri bal'aan akka jiru himan.Alaabaa Itiyoophiyaafi Alaabaa Oromiyaa fannifame ejiru buusuudhaan lafa irratti dhiituun ergama guddaa kan qabudha jedhan.Barattoonni baala haadochaafi cuubee qabatanii mana barnootaa akka seenan taasifameera.Jeeqamsis akka waraabamuuf kan itti qophaa'ame akka ta'e dubbatan.

Namoonni sagantaa marii kana irratti hirmaatan tokko tokko obbo Adooniyaasiin isin dabballee cimaadha jechuun qeequuf yaalaniiru.Deebiin obbo Adooniyaas kennan akka jarri barbaadanitti kan garaa isaan ga'e waan hin taaneef quuqama akka qaban haaluma isaaniitu mul'isa.Deebiin obbo Adooniyaas kennan sirriidha,naamusas kan qabudha.Ilaalcha badhaadhinaa irrattis kan bu'uraayedha.Obbo Adooniyaas ani Finfinneettiin dhaladhe,dhalataa saba Oromoo miti.dhugaan dubbadha.Dabballeedha yoo naan jettanis haqa qabatamaan jirun isinitti hime jechuun itti himaniiru.Finfinneetti Afaan Oromoo qofa utuu hin taane Afaan Sumaaleefi Afaan Gaamoos barsiisuun jalqabamee jira jechuun haqa jiru jara shiraatti himaniiru.Marii kana dhaggeefachuu yoo barbaaddan twitter keessa seenuudhaan unity for Ethiopia keessatti argachuu dandeessu. 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman