Waan Mootummaan Itiyoophiyaa ganamaan hime




Tajaajilli komunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa akkana jechuudhaan miidiyaawwan adda addaa irratti himeera,ganamaan.

‘Waggoota lamaa sitti gareen ergamaan af yaa'ii mana marii bakka bu'oota ummataa Ob.Taaggasa Caafootiin hoogganame gara Magaalaa Maqaleetti imalaa jira’
Garee ergamaa Obbo Taaggasan hoogganan keessa qondaaltoonni mootummaa ol'aanaan jiru.
Gareen ergamaan kun gara Maqaleetti kan imale adeemsa hojiirra oolma waliigaltee nagaa ilaaluufi raawwiin ijoon waliigaltichaa akkaataa karoorfameeni,moo miti waan jedhu adda baafachuufi jedhameera.
Imalli gara Maqalee kun waggoota lamaa asitti kan jalqabaa yoo ta'u kunis waliigalteen nagaa taasifame haala gaarii irratti akka argamu mul'isa jedha odeeffannoon tajaajilli komunikeeshinii ganaamaan kenne kun.
Miseensonni komishiinii marii biyyaalessaas garee ergamaa Obbo Taaggasa Caafootiin hoogganame kana wajjin gara Magaalaa Maqalee akka deeman beekameera.
Wanti nama ajaa'ibu odeeffannoon kun Oduu simbirtuu ta'ee miidiyaawwaniin irra deeddibi'amee odeeffamuu isaati.
Ammalli wayyaanee utuu beekamuu,wayyaaneen garee akka gaararraatti bifa jijjiirratu ta'uunsaa utuu beekamuu duursuudhaan jajamuusaatu ajaa’ibsiisaadha.
Wayyaaneen garee yoomiyyuu amanamuu danda'u miti.Gareen shiraan dhalatee guddateefi dulloomee jaare kun shira bare raawwachuu irraa duubatti hin jedhu.
Gareen ergamaan af-yaa'ii mana marii bakka bu'oota ummataa obbo Taaggasa Caafootiin hoogganame kun gara Maqalee deemuusaa akka olola wayyaaneetiif tolutti dabfamee odeeffamuun isaa waan hinoolle akka ta'e ni beekama.Kana ammoo dhiyeenyatti dhaga’uun keenya waan hinoolle ta’a.
Hundumaafuu gareen kun gara biyya ormaa hindeemne.Maqaleenis keenyuma.Wayyaanee salphoo salphina haguuggatte jajjabeessuun hin barbaachisu.
Gareen ergamaan kun nagaadhaan haadeebi'u.Silaa Shirri wayyaaneen shirtu hinbeekamu waan ta'eef of eeggannoon barbaachisaan taasifamuu qaba!

Odeeffannoo dabalataa iddoo jirtanitti kanneen irraa dubbisaa:

 https://www.instagram.com/tolawaaq.waarii/

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman