Hojiilee falaasama ogbarruu Oromoon gitan hojjechuuf carraaqaan jira-Waldicha




Waldaan Barreessitoota Oromiyaa hojiilee falaasama ogbarruu Oromoon gitan hojjechuuf carraaqaa jiraachuu beeksise.
Waldichi galma Giddugala Aadaa Oromootti waltajjii marii gaggeesseera.
Waltajjicharratti Pireezidaantiin Waldichaa Barreessaa Roobinaa Shuumii, waldichi guddina hogbarruu Oromoof gumaacha mataasaa taasisaa jira jedhan.
Ogbarruun Oromoo qulqullinasaa eeggatee sadarkaan akka qophaa'u, aadaa, duudhaa, safuu fi falaasamni Oromoo haalan akka beekamu hojjetamaa jiras jedhan miseensonnii fi koreen waldichaa.
Haa ta'uutii rakkooleen mudatan furuun, sadarkaa biyyaa fi addunyaatti ogbarruu Oromoo gitaa fi beekamtii qabu hojjechuun abbaltii qooda fudhattoota hundaati jedhameera.
Badhaasa hogbarruu Gaaddisaa Birruu barana jalqabame jabeessuun, barreeffama Oromoof beekamtii laachuun kan itti fufu ta'uu Barreessan Waldichaa Lalisaa Indiriis ibseera.
Kitaabilee maqaa waldaatiin gulaaluu, qeequu fi maxxansuun sadarkaa fi qulqullina hogbarruu eegun ni hojjetamas jedhameera.
Kitaabilee barreessitoota buleeyyii fi haaraa maxxansuun dhaloota haaraaf dhiyeessuun kallattii karoora waldichaa baranaa ta'uun kan ibsame yoo ta'u, waarii aartii qopheessuun, ogbarruu fi jaalattoota walitti fiduun, kitaabota maaxxanfaman dubbistootaan ga'uun hojiilee fuulduree ta’uu ibsameera.
Waldaan barreessitootaa Oromoo miseensotaa 300 ol kan qabuudha.
Shallamaa Kabbeetu gabaase

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman