Jaalalaan haa tokkoomnu; dhiifamaan haa ceenu



(Muddee 18,2015 Finfinnee) Biyyi keenya Itoophiyaan biyya birmadummaafi tokkummaa ishee kabachiiftee turte akkasumas biyya guddinaaf carraa bal'aa qabdu taatus sababa rakkoowwan keessoofi dhiibbaa alaan carraa qabdutti osoo hin fayyadamiin turtee jirti.
Itoophiyaan yeroo dheeraaf walwaraansa keessoofi qoqqoodaminsa siyaasaan miidhamaa kan turte yoo ta'u kunis gama tokkoon fuula ishee gara misoomaatti akka hin deebifanne gama biraan ammoo giddu seentummaa humnoota alaaf saaxilaa tureera.
Itoophiyaanonni humna alaa isaan weeraruu dhufu tokkummaan qolachuun kan beekaman yoo ta'u aadaan rakkoo keessoo isaanii karaa nagaa, ilaaf-ilaameefi mariin furachuu, dhiifamaan bira walii darbuu laafaa dha. Aadaan dhiifamaa, mariifi ilaaf-ilaameen dubbii fixuu dadhabaa ta'uun rakkoon sirnoonniifi humnoonni alaa carraa argatanitti fayyadamuun kaleessa uuman har'a madda walitti bu'insaa akka ta'u, hiyyummaan mallattoo biyyatti akka ta'uuf, uummanni Itoophiyaa gadadoofi jireenya baqaaf akka saxilamu taasisee jira. Karaa biraan, hiyyummaan deebi'ee madda walitti bu'insaa ta'uun nagaafi tasgabbii biyyattii booressaa jira.
Dhimmi guddaafi ijoon jijjiiramni biyya keenyatti waggaa afuriin dura dhufe fide keessaa tokko dhiifamaa, ilaaf-ilaameefi jaalalaan boqonnaa walwaraansaafi rakkoo siyaasaa keessoo keenyaa goolabuufi fuula keenya gara Badhaadhinaatti deebifachuun Itoophiyaa cimtuu taate uumuu dha.
Aadaan siyaasaa kaleessa irraa dhaalameefi jibbinsa, walqoqqooduufi "kan kootu caalaa" irratti hundaa'e hawwiifi abdii nageenya waaraa jijjiiramichi banee ture gufachiisuun biyya keenya marsaa biraaf gara walwaraansaatti akka deebitu taasisus walwaraansi Kaaba biyya keenyaatti waggoottan lamaaf deemuun lubbuu namaafi qabeenya biyyaa mancaasuun birmadummaa biyyaa balaa guddaaf saaxilee ture waliigaltee araaraafi nagaa taasifameen karaa nagaan akka xumuramuuf waraanni dhaabbachuun daandiin walakkaa ol adeemamee jira.
Waliigalteen nageenyaafi araaraa jijjiiramaa guddaafi sadarkaa abdachiisaa irra ga'ee jiru kun kutannoo mootummaan nagaa buusuuf qabu kan agarsiise; uummanni qilleensa nagaa hawwaa ture akka afuurfatuuf abdii kan uume dha. Hundumarra ammoo qaamota dorgommii siyaasa tarsimoo lafaa fi daldala siyaasaa Qaxanaa Gaanfa Afrikaa jirutti fayyadamuun biyya keenya irratti dhiibbaa uumuu barbaadanitti karra kan cufe dha.
Waliigalteen araaraafi nageenyaa kun duudhaan dhiifamaa, araaraafi marii biyya keenyatti yeroo dheeraaf hawwamaa ture aadaa ta'uun rakkoowwan biroon karaa nagaan akka furamaniif akkasumas mariin biyyoolessaa akka milkaa'uuf gumaacha guddaa qaba. Akkasumas, Itoophiyaanonni rakkoo keessoofi waldhabdee isaanii karaa nagaan mariifi ilaaf-ilaameen furachuuf ga'umsa akka qaban addunyaatti kan mul'isu dha.
Kanaaf, daandiin nageenyaa biyya keenyatti eegalamee jiru biyya keenya boqonnaa walwaraansaa keessaa baasuun fuula ishee gara misoomaafi guddinaatti akka deebifattuuf carraa waan banuuf lammiin hundumtuu waan isa irraa eegamu ba'uu qaba.
Nagaan Itoophiyaaf!
Nageenyi Itoophiyaanotaaf!

Maddi:OPP

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman