Oromiyaan.... bal’oon

 


 

Garmaami Bulloo koo!

Sumadha wabiinkoo

Gonka gadi hinjedhin

Mataan hindhundhulin

Abdii hinkutatin

Jabaadhuu hojjedhu

Hiyyummaa moo’adhu

Biyya kee waamsisi

Diina kee bobeessi

Mataan gadi jettee

Abdii kee kutattee

Diinaaf karra hinbanin

Utubaa Itiyoophiyaa

Ta’uu kee kan beekan

Walitti lallabuun,olola afarsuun

Nagaa kee booressan

Nama kee boochisan

Saamicha gaggeessan

Garaa jabeenyummaan

Lubbuu dhabamsiisan

Garuu hinmilkaa’an

Yeroodhaaf gammadan

Oromiyaan bal’oon

Hundumaa hammattuun

Nyaachiftee obaaftuun

Diinaaf hinmijooftu

Finxaalleeyyii hin baattu

Golatti Hingalfattu

Lammiin Itiyoophiyaa hundumtuu

Dhuqaa qabatamaa kana yaahubatu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman