Waci miidiyaawwan finxaaleeyyii dhugaa hin haqu!

 Obbo Aganyahu Tashaagar wayita ammaa af-yaa'ii mana marii Federeeshinii ta'uudhaan biyya isaanii tajaajilaa jiru.Dhiyeenya kana sababa kabaja guyyaa saboota sab-lammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa 17ffaatiin ETV wajjin gaaffiifi deebii taasisuun turan.Turtiin isaan EBC waliin taasisan tamsaasa oduutiin qileensarra oolee ture.


Qabiyyee yaada obbo Aganyahu Tashaagar qeequudhaan galii 'You tube' gabbifachuuf kanneen yaadan nama kana irratti akka duulan hubatameera.Namni kun dhaamsa dabarsaniin waan sabaafi sablammootaafi ummaattoota Itiyoophiyaa fayyadu dubbatan malee yakki hojjetan hin jiru.Mirga nama kamiiyyuu hin sarbine?Maarree miidiyaawwan finxaaleeyyiin maalif irratti duulan?
Jaalatamus jibbamus Itiyoophiyaa keessa saboota,sab-lammootaafi Ummattootatu jiraata.Kun kanaan dura ammas jira,gara fuulduraattis kan daran cimee itti fufudha.Gaazeexeessitoonni Maskaram Abarraa,Riyoot Alamuufi kanneen biroos nama kana irratti duukuudhaan waan qabatama hin qabne dubbachuun,qeequun,gadi qicuun dhugaa qabatamaan jiru jijjiiruu hin danda'an.
Saboota sab-lammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa kan uume ADWUI/TPLF ykn. paartii badhaadhinaa miti.Dugaadha obbo Aganyahu Tashaagar bara sirna ADWUI keessa qondaala mootummaa turan.Naannoo Amaaraas bulchuudhaan biyya isaanii tajaajilaniiru.Ammas wayita hooggansa paartii Badhaadhinaatti sadarkaa taayitaa ol'aanaadhaan biyya isaanii tajaajilaa jiru.Waci miidiyaawwan finxaaleyyii amma nama kana irraitti wacaamaa jiru sadarkaa ol'aanaa isaan irra jiran irraa gadi isaan buusuu hin danda'u.Tokkummaan sab-daneessi haalalisu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman