Jajjabee Loomii Badhoo waan jedhan….
Adda Loomii
Badhoo sadarkaa hooggansaa gara garaa irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaa
tajaajilaniiru.Hooggansa waajjiraalee gara garaa irraa eegalee Af-yaa’ii Caffee
Oromiyaa ta’uudhaan tajaajilaa turan.Wayita ammaa itti aantuu af-yaa’ii mana
marii bakka bu’oota ummataa ta’uudhaan biyya isaanii Itiyoophiyaa tajaajilaa
jiru.
Jajjabeen
tun haala yeroo Naannoo Oromiyaafi biyyaa irratti xiyyeeffachuudhaan OBN wajjin
turtii taasisaniiru.Dhimmoonni isaan kaasan Oromiyaafis ta’e biyyaaf kan tolu
waan ta’eef dhimmoota gurguddoo tokko tokko irratti iftooma uumuuf waan itti
aantuun af-yaa’ii mana marii bakka ba’uuta ummataa kabajamtuu addee Loomii Badhoo
OBN’itti himan isin hordoftoonnikoo barreeffamaan hanga tokko odeeffannoo akka
qabaattaniifin isiniif dhiyeesse,dubbisaa!
Miseensoota
mana marii bakka bu’oota ummataa 547 keessaa bakka bu’oonni Naannoo Oromiyaa
lakkoofsaan 179 haala yeroo irratti mari’achuudhaan dhimma nagaa Oromiyaafi Finfinnee irratti
ejjennoo akka qabataniifi ejjennoon miseensoonni mana marii bakka bu’ootaa mari’achuudhaan
qabatan kunis Oromiyaafi biyya kan fayyadu,gara fuulduraattis kan tarkaanfachiisu
akka ta’e adde Loomiin mirkaneessaniiru.
‘Oromiyaan
mataa Itiyoophiyaati’jedhan adde Loomiin.Dhuguma,haqa himan.Humnoonni biyya
keessaafi alaa Itiyoophiyaan akka bittinnooftuuf kutannoodhaan hojjechaa jiran Nagaan
Oromiyaa yoo boora’e Itiyoophiyaa diiguun salphaa akka ta’e amanuudhaan waan
danda’an hunda raawwachaa jiru.
Kanaanis
beekaafi wallaalaa Oromootti fayyadamuudhaan Nagaan Oromiyaa akka boora’uuf Ummanni
Oromoo nagaan ba’ee nagaan galuu akka hindandeenye taasisaa jiru.
Haalli
kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun miseensoonni mana marii bakka bu’oota
ummataa ijjennoo cimaa qabataniiru.Gareewwan humnoota adda addaa biyya diiguuf
socho’aa jiraniif hojjetan gocha badii raawwatan akka dhaabaniif haalli mijaa’aan
jira kan jedhan adde Loomii Badhoo rakkoon nagaa uumame mariidhaan fala waaraa
akka argachuu danda’uuf mootummaan Itiyoophiyaa qophaa’ummaa gahaa waan qabuuf
carraa kanatti fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e dhaaman.
Finxaaleeyyiin
Saba Oromoo keessaa ba’anis ta’an finxaaleeyyiin saba biraa keessaa ba’an Ummata
Oromoo irratti miidhaa akka hin geessifneef hojjetamuu qaba.Sabni Oromoo
jijjiiramni akka dhugoomuuf qabsoo cimaa kan taasise deebi’ee miidhamaaf
saaxilamuuf miti.
Waggoota
jijjiiramaa muraasa darban keessatti Oromoon akka sabaatti waan fayyadameefi
waan ittiin miidhames akka qabu kan dubbatan itti aantuu af-yaa’ii Loomii Badhoo
miidhaan Oromoos ta’e sabaafi sab-lammoota kanneen biroorra finxaaleeyyiidhaan gahaa
jiru akka dhaabbatuuf kutannoodhaan hojjechuun dhimma murteessaa akka ta’e
amanuun hojjetamaa akka jiru mirkaneessan.
Humnoonni
biyya diguuf socho’aa jiran’Oromoon biyya bulchuu hindanda’u,biyyaa mitii Naannoo
isaaniituu bulchuu hindandeenye’ ergaa jedhu dabarsuuf itti qophaa’uudhaan
socho’aa akka jiran hubachuun barbaachisaa akka ta’es himan.Isa kanaaf ammoo
ajandaa adda addaa uumuudhaan shakkiin akka uumamu taasisaniiru.’Abbaa dabaree’
jedhanii moggaasuudhaan Oromoo irratti shakkiin akka uumamuuf fagoo akka
deemaniifi kunis sochii humnoonni tokko tokko nagaa booressuuf taasisaa jiran
keessatti shoora kan gumaache akka ta’e himan.
Dhimma
Finfinnee wajjin walqabatee hooggansa Finfinnee waamuudhaan hookkara tibbanaa
irratti miseensoonni mana marii bakka bu’oota ummataa akka mari’ataniifi
gaaffiin Finfinnee irratti jiru mariifi karaa seera qabeessa ta’een fala waaraa
akka argatuuf kallattiin akka kaa’ame itti aantuun af-yaa’ii mana marii bakka
ba’oota ummataa kabajamtuu addee Loomoo Badhoo himaniiru.Sabni Oromoo hooggansa
isaaf yaadu kan quuqamaan isaaf hojjetu hedduu qaba.Adde Loomii Badhoo
dabalatee ijoolleen Oromoo saba Oromoo keessaa ba’an Oromiyaan utubaa Itiyoophiyaa
akka taate hubachuudhaan hojjechaa jiru.
Oromoon
akkuma dur taasisaa ture har’as waan hedduudhaan bu’uura tokkommaa Itiyoophiyaati.Handhuura
biyya guddoo Itiyoophiyaat.Bu’uurri yoo socho’e gaarii hinta’u.Diinni biyya
diiguuf kaayyeeffate dhugaa kana waan beekuuf Hadhuura biyyaa Oromiyaa irratti
xiyyeeffate.Oromoo dammaqi! Beekaan Oromoo ka’i,wallaalaa barsiisi.kan hin
hubanne hubachiisi.Walhubannee yoo socho’uu dandeenye wanti nuti moo’achuu
hindandeenye tokkollee hinjiru.Fayyaa ta’aa!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ