Waa'ee Shanee Lameenii....



Finaaxaaleeyyii Oromoofi Finxaaleeyyii Amaaraatiif maqaa tokkotu kenname.Muummichi ministiraa haasawa kaleessa dhageessisan tokko irratti lamaanuu shaneedha jedhan.Sirriidha!Dhuguma jedhan,haqa himan.

Finxaaleeyyii Saba lamaan keessaa ba'antu rakkoo uumaa jira.Shaneen maqaa Oromootiin dhaadachaa gochoota saba miidheefi saba qaanesse raawwachaa jira.Oromoon Saba hammataa ta'uunsaa utuu beekamuu akka waan Sabni Oromoo saba biraa jibbetti gocha ta'uu hin qabne iddoowwan adda addaatti dhalattoota Oromoofi Amaaraa irratti raawwachuudhaan Oromoon akka shakkamuufi akka jibbamu taasisaa jira.Badiin shaneedhaan ga'e guddaadha.Namatu ittiin miidhame,qabeenyatu ittiin manca'e.
Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa saba Amaaraatiin dhaadatanis miidhaan geessisaa jiran biyya kan diigudha malee biyya kan biyya fayyadu miti.Amma muummichi ministiraa maalif ‘Shanee Amaaraa’ jechuun dubbatan jechuun waci wayii dhaga'amuu jalqabeera.Amaaraan Shanee jedhamuu hinqabuudha ka'uumsi mormii ijoon.Muummichi waan itti amanan dubbatan.Baga dubbatan.Haala qabatamaan jiru irraa ka'uudhaan dhugaa kana himuun isaanii sochii Finxaaleeyyiin lamaan qindoomuuniifi walfalmuun raawwachaa jiran dhabamsiisuuf shoora kan gumaachudha jedhamee amanama.Amma Muummichi finxaaleeyyii lamaaniifuu maqaa tokko moggaasuun isaanii kanaan durayyuu 'Juuntaa,waraabeessa guyyaa.....'jechuu hin qaban nama hinjechisiisu.Bubbullee waca dhimma kana irratti fiinxaaleeyyiifi deeggartoonni isaanii dhageessisan daran dhaga'uuf jirra.
Kanneen Shanee Oromootiin 'Shanee jettanii gadi hin xiqqeessinaa,gadi hin qicinaa OLA jechuun waamaa malee' jedhanis jiru edaa.OLA'n 'Oromo Liberation Army'jechuudha.Waraana Oromoo bilisa baasu.Ofii ergmatuu ormaa ta'uudhaan nama biraa bilisoomsuun ni danda'amaayii?
Shaneen kanaan dura ergamtuufi Farda wayyaaneeti.Wayyaaneen gatii ishiif malu argannaan deeggarsa gootuuf itti fufuu akka hin dandeenye hubatame.Shaneenis abdii kutatti.Maalan ta’a jechuun yaadda’uudhaan raakamte.Mootummaan Itiyoophiyaa wayyaanee moo’ate anatti as deebi’uunsaa waan hin oolledha jechuudhaan wixiffatte.Wixiffannaan Shanee Oromoo kun ammoo diina keessaafi alaa hawwate.Haala amma jiruun deeggartuun Shanee adda dureen Gibtsi akka taate beekamaadha.Kanneen biroos jiraachuu akka danda’an amanama.Gibtsi sababa hidha guddicha haaromsa Itiyoophiyaatiin diinummaa Itiyoophiyaa irratti qabduun Shaneedhaaf deeggarsa taasisuun ishii waanuma eegamudha.Kanas qabatamaan raawwachaa akka jirtu beekamaadha.Shaneen meeshaa waraanaa nama doorsiftee shiftaa ta'uudhaan ittiin saamaa jirtu eessaa fiddee?
Amma Shaneen diina Itiyoophiyaatiin deeggaramuudhaan Oromoo bilisa baaftii?Oromoo eenyu jalaa bilisa baaftii? muummichi Ministiraa Dr.Abiy Ahmad ilma Oromooti.Kanaaf shaneen Oromoo hooggansa Oromoo irraa bilisa baasuuf qabsoofti jechuudha.Qoosaa!Oromoon qabsoo ergamtootaatiin utuu hintaane qabsoo ofumaaf waggoota hedduuf kutannoodhaan taasiseen bilisa of baaseera.Garuu bilisummaa qabsoodhama isaatiin goonfate dhandhamuu akka hin dandeenyeef Shaneen maqaasaa waamaa jirtu gufuu itti taatee jirti.
Hundumaafuu waciifi iyyi yeroo gabaabaaf turu amma keessaafi alaa dhaga'amaa jira.Umurin shaneewwan lamaaniituu gabaabaadha.Shaneen Oromoofi Amaaraa shan hin bulan!
Utuu jennuu wayita ammaa shaneen sadi akka jirtus dhaga'amaa jira.Isin waan kana quba qabduu laata?Hundumaafuu Shaneen duraa Kan Eertiraa irraa gara Itiyoophiyaatti galtedha.Shaneen lammaffaan kan caasaa mootummaafi dhaabbilee adda addaa keessa riphxee jirtudha.Shaneen Shaneen sadaffaan ammoo shanee duula farra hattummaa jalqabame jibbitee dhaabbattedha.
Egaa Shanee sadii miti Shaneen akaakuun kudhaniyyuu haajiraattu!Hundumtuu Saba Oromoo hincaaltu!tokummaa Saba dilbii hincaaltu.Yeroodhaaf deeggarsa diina biyyaa irraa argattu fayyadamuudhaan wixiffattus eessayyuu akka hingeenye beekamaadha.
Oromoon akkuma durii ammas hammataadha saboota,sab-lammotaafi Ummattoota Itiyoophiyaa wajjin Nagaa,waljaalalaafi walkabajaan jiraachuu barbaada.Humnoota fedhiisaa kana dura dhaabbatan kamiifiyyuu obsa akka hin qabne haqa beekamudha.Kanneen Shanee lamaanuu deeggartaniifi jajjan adaraa anatti hinmufatinaa,dhugaan barreesse.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman