Odeeffannoo irra dibaa kennuun maalif?



Waajjirri muummicha ministiraa kaleessa galgala odeeffannoo dhimma Magaalaa Finfinnee irratti xiyyeeffate tokko kenneera.
Odeeffannoon waajjirichaan kenname kun ‘muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad sochii misoomaa Finfinnee irratti hooggantoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee wajjin mari'achuudhaan kallattii rakkooleen jiran fala ittiin argatan kaa'aniiru’ jedha.Odeeffannoon waajjirichi kennuudhaan miidiyaawwan adda addaatiin tamsa'e kan itti aanu kanadha.
'Muummeen Ministiraa Abiy Ahmad hojiileen misoomaa magaalaa Finfinnee cimee akka itti fufuufi rakkooleen jiran akka furaman kallattii ka’aniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hoggantoota bulchiinsa magaalichaa waliin raawwii hojii bara baajataa 2014fi kurmaana jalqabaa bara 2015 gamaaggamaniiru.
Xumurarrattis hojiileen misoomaa magaalichaa eegalaman akka itti fufaniifi rakkooleen jiran akka furamaniif kallattii kaa’uu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.'
Odeeffannoo irra dibaa kana irratti yaadakoo:
Mootummaan hawaasni odeeffannoo barbaachisaa argatee iftoominni gahaan akka uumamu barbaada.Odeeffannoo dhuksuudhaan falli ni argama jedhamee waan yaadamu natti hin fakkaatu.Kanaan dura muummichi ministiraa hooggantoota bulchiinsa Magaalaa Finfinnee biratti tasa argamuudhaan mariin taasisaniifi kallattiin kaa'an utuu hin dhokatin.utuu irraa hinsharafamin akka ummata dhaqqabu taasifameera.Kan ammaa kana irra dibaan bira darbuun maalif barbaachise?Mariin muummichi ministiraa kanaan dura hooggantoota Finfinnee wajjin taasisanii ummataaf tamsaafame sun baay’ee kan dinqisiifatame ta’uunsaa ni yaadatama.
Hawaasni odeeffannoo gahaa yoo argachuu baate rakkoo jette jettee humnoonni adda addaa facaasaniif saaxilamuudhaan rakkoon dabalataa uumamuu danda'a waan ta'eef of eeggannoo gahaa taasisuun barbaachisaadha.
Utuu jennuu muummichi ministiraa raawwii hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee qorachuuf dirqama qabuuyii?Manni marii bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi koreewwan jiran kana hojjechuu dadhabaniiti,muummicha ministiraa irratti hojiin dabalamee?
Tole,erga qoratanii ammoo maalfa'i qoratan?akkamitti qoratan?eenyutu maal jedhe?kallattiin kaa'an maalidha?Dhimma tibbana waa'ee Faaruu Oromiyaafi Alaabaa Oromiyaa finxaaleeyyiin qindoomina uumuudhaan Finfinnee ittiin unkuruuf hamoommachaa turan irratti muummichi maal jedhan?kallattiin fala waaraatiif kaa'anhoo maalidha?
Rakkoolee bulchiinsa gaarii,dhiyeessii bishaaniifi elektiriikaa hawaasni Finfinnee ittiin dararamaa jiru.rakkoo geenibaa hammaataafi walumaagalatti rakkoo qaala'iinsa gatii hiyyeessi Finfinnee jiraachuu ittiiin nuffe irratti maal jedhan?kallattii furmaataa maal kaa'an?
Mariin taasisan rakkoolee kana hundaaf fala kan kennu ta'uu baannaan muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad hooggantoota Finfinnee wajjin mari'ataniiru odeeffannoo jedhu qofa hawaasaaf kennuun mootummaa irratti ba'aa dabalataa fiduudhaan shakkiin akka uumamu taasisuudhaan ala gatii hin qabu.
Badhaadhinniifi mootummaan isaan hoogganamaa jiru gama hawaasaaf odeeffannoo gahaafi barbaachisaa ta’e yerootti hawaasaaf kennuutiin waan milkaa'eef natti hin fakkaatu.Kun ammoo kaayyoowwan badhaadhinni qabatee ittiin qabsaa'aa jiru galmaan gahuu keessatti gufuu ta'uu danda'a.
Wanti hundumtuu hin himamuun dhugaadha.Garuu ammoo waanuma dhokafamuu hin qabnellee akka hin taanetti dhoksuudhaan,icciteessuudhaan itti fufuun rakkisaa ta'a.balaa fida.Hawaasa biratti dhimmoota murteessaa ta'an irratti iftoominni gahaan hin uumamu taanaan adeemsa gara fuulduraatiif gaarii hin ta'u,sirraa'uu qaba!yaada jedhun qaba.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman