Finxaaleyyiin Amaara keessas Oromoo keessas jiru-Ibsaa Naga’oo




"Finxaaleyyiin Maqaafi Saba ittiin of waamaniin gargar ta’anis kaayyoodhaan tokko dha”
Finxaaleyyiin maqaafi Saba ittiin of waamaniin garagar ta’anis, kaayyoodhaan tokko ta’uu Gorsaan Dhimmoota Tarsiimoo ABO Jaal Ibsaa Naga’oo ibsan.
Adeemsi finxaaleyyii Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuudha waan ta’eef dhimma ittiyaadamuu qabuudhas jedhan.
Jaal Ibsaan akka gaazexaa Bariisaatti himanitti, akkuma qaamotni jijjiirama kana dimokraasii Sabdaneessaan masakanii ceessisuuf ifaajaa jiran, finxaaleyyiin sirna kaleessaa deebisuuf wixxirfatanis jiru.
Finxaaleeyyiif qomoosaanii malee qaamni kamuu biyya bulchuuf ga’umsas mirgas hinqabu.
Fayyadamuun, jiraachuufi jiraachuu dhabuun biyyaa kallattiisaanii qofaan shallagama jedhan.
Finxaaleyyiin Amaara keessas Oromoo keessas jiru kan jedhan Jaal Ibsaan, bu’uuruma kanaan badiin tibbana lammiilee nagaarratti raawwatame qaama karaa seeraan alaa hidhatee Oromiyaa keessa socho’uufi finxaaleyyii naannoo Amaaraa daangaa bulchiinsaa ce’anii dhufaniin ta’ee osoo jiruu, lamaanuu iyya walfakkaatu dhageessisuun kaayyoonsaa Mootummaa humnaan darbanii aangoo qabachuu ta’uun ifaadha jedhu.
Fixaaleyyiin gama lameenuu jiran kunneen gocha badaa yeroowwan garagaraa raawwataniin qondaaltoota saboota lameenii Paartii Badhaadhinaa kanneen walta’anii walhubachuun biyya gaggeessaa jiran gidduuttuu wayita shakkii uuman ni jira jedhan.
Oromiyaa dirree jeequmsaafi wiirtuu gaaga’ama siyaasaa taasisuun, gocha har’a eegalame osoo hintaane adeemsa hamaa moototni darban dhalootasaanii dhaalchisaniidha kan jedhan Hayyuun kun, kaayyoonsaa guddaan teessoon Mootummaa wiirtuu Oromiyaa ta’uu dabalatee, Oromiyaan baay’ina namaafi qabeenyaan adda duree waan taateef Oromiyaan ala biyya kanaa yaaduun rakkisaa waan ta’eef ta’uu hubachiisan.
Gama biraatiin qaamni hidhatee naannicha keessa socho’u Finxaaleyyii gara naannichaatti harkisuu keessatti shoora guddaa qaba kan jedhan Jaal Ibsaan, Oromiyaarratti xiyyeeffachuun kun ammoo yoo haala kanaan ittifufe gaaga’ama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa guddaa dhaqqabsiisuun waan hin oolleedha jedhan.
Qaamonni dhufaa darbaa Oromiyaafi naannolee biroo saamaa turan, har’as ciisanii bulaa kan hinjirre ta’uu kan ibsan Jaal Ibsaan, haaluma walfakkaatuun sadarkaa qabsoon Oromoo har’a irra ga’e hubachuu dhabuun, qaamni jijjiirama kana moggaatti dhiisee qawweetti cichaa jiru yoo sammuutti deebi’uu baate, egeree Oromiyaatiif yaaddoo guddaadha jedhaniiru.

Maddi:Bariisaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman